header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Buraayyuu keessatti manni fincaanii jiguun lubbuun ijoollee afurii dabre

Godina Addaa Naannawa Finfinnee magaalaa Buraayyuu naannoo Malkaa Gafarsaa, mana barumsaa oolmaa daa’immanii Haroos Akkaadaamii jedhamu keessatti, Khamiisa kaleessaa manni fincaanii jigee lubbuun ijoollee afurii dabruun beekameera.

Ijoolleen afur kanneen biroo ammoo miidhamanii hospitaalota Beetel fi Alart keessatti wal’aanamaa jiru.

Manni fincaanii sibiila kan hin qabneefi muka qofaan kan ijaarame waan tureef jigee balaa hamaa kana dhaqqabsiisuu biiroon komunikeeshinii bulchiinsa magaalaa Buraayyuu FBC’tti hime.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button