header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Diksiisitti Sagantaan Muhaadaraa guddaan geggeeffame

Godina Arsii aanaa Diksiis magaalaa Diksiisitti sagantaan muhaadaraa guddaan guyyaa har’aa kan geggeeffame yoo tahu, sagantaan kun Jama’aa Daarul-Salaam jedhamu  kan barattootaan  hundeeffameen  qophaa’e. Sagantaa kanarratti dhaamsaa fi gorsi mata duree gara garaa irratti ulamaa’otaa fi du’aatotaan kennamee jira.

 

Keessummoota iddoo gara garaa irraa dhufan dabalatee hawaani muslimaa lakkoofsaan guddaa tahe sagantaa kanarratti kan argame yoo tahu, majliisa seeraan alaatis kan balaaleffate tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa.

Keessummoota sagantaa kanarratti hirmaatan jidduu :

Sheik Muhiddiin Sheik Abdallaah aanaa Suudee irraa

Sheik Umar Arsii fi Sulxaan Gannaa Finfinnee irraa

Ustaaz Alii Abubakari fi Sheik Xaahir Galatoo magaalaa Asallaa irraa

Ustaaz Ibsaa Hasan Baalee Roobee irraa kan argaman tahuun beekkameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button