header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Finfinnee keessa sochiin motorsaayikilii kan ugguramu tahuu ibsame

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Waxabajjii 30,2011 eegalee imbaasiiwwanii fi dhaabbiilee hayyama tajaajila poostaa qabaniin ala sochii motorsaayikiliin godhamu hunda kan ugguru tahuu beeksise.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsa har’a kenneen akka jedhetti, yakki magaalaa Finfinnee keessatti babal’ataa dhufe hedduun motorsaayikilitti fayyaadamuun kan raawwatame tahuu qoraannaa qaamoleen nageenyaa godhaniin mirkanaayee jira. Haaluma kanaan yakka kana hir’isuuf jecha bulchiinsi magaalattii murtii kana kan dabarse tahuu ibse.

Yeroo dhihoo asitti yakki saamichaa fi hannaa magaalaa Finfinnee keessatti kan babal’ataa dhufe yoo tahu, namoonni yakka kana raawwatan yeroo tokko tokko konkolaataawwanii fi motorsaayikilaan kan socho’an tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
#Magaalaa_Finfinnee

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button