header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen namni 14 ajjeefame

Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessatti har’a waare booda haleellaa boombii konkolaata irratti kiyyeeffameen naannwa ministeera biyya keessaa fi paarlaamaa biyyattii irratti raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 4 ajjeeffamuun heddu ammoo kan madaayan tahuu AFP gabaase. Hidhattoonni buufata keellaa cinatti boombii eega dhoosanii booda dhukaasa kan banan tahuu gabaafame.
Haaluma walfakkaatuun guyyoota sadi dura magaalaa Maqdishoo keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni 14 ajjeefamuun 10 ammoo kan madaayan tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button