header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godinaa Arsii Lixaa magaalaa Qoree keessatti Markazni Zayd Ibn Saabit huffaazota 400 Eebbisiise

Markazni Zeeydi Ibn Saabit Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree magaalaa Qoree keessatti kan argamu yoo tahu, guyyaa hardhaa barattoota 400 hifzii qura’aanaatiin kan eebbisiise tahuu gabaasni nu dhaqqabe ni mul’isa.

Sirna eebbaa kana irratti hawaasni nannichaa kumaatamaan lakkaahamu irratti hirmaatee jira. Kanamalees Aalimoonni fi du’aatonni gurguddoon kan irratti hirmaataa jiran akka tahee fi Miseensota koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa jidduu Ustaaz Kaamil Shamsuu qophii kana irratti argamee jira. Ustaaz Ahmaddiin Jabalis ganama har’aa hawaasa magaalota Hasasaa fi Kofalee eega ziyaareen booda sirna eebbaa kanarratti hirmaatuuf gara magaalaa Qoree kan imalu tahuu beeksise.

Ulamaa’otaa fi Du’aatota biroo sirna eebbaa kana irratti hirmaatan jidduu Sheek Huseen Haaji Ahmed, Dr Muhammad Kamaal, Sheekh Abdurrahmaan Da’awaa, Ustaaz Abdallah Idriis, Sheekh Mukhtaar Abdallah, Ustaaz Qamar Huseen fi Sheek Kaliil Qaasim keessatti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button