header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Shabeetti sagantaan Da’awaa guddaan geggeeffame

Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo magaalaa Shabeetti mata duree “mana Rabbii haa ijaarruu”jedhuun, sagantaan Muhaadaraa guddaan geggeeffamaa jira. Kaayyoon sagantaa kanaa, gamoo masjiida Al-kawsar kan magaalaa Shabeetti ijaaramaa jiruu xumursiisuuf galii walitti qabuuf kan qophaa’e tahuu gabaafame.
Sagantaa kana irratti hawaasni muslimaa lakkoofsan hedduu tahe fi keessummoonni iddoo gara-garaa irraa dhufan, kan irratti hirmaataa jiran tahuu odeeyfannoo ni addeessa. Ustaaz Hayder Khadiir fi Ustaaz Rayyaa Abbaa Maccaa saganticha irratti kan argaman tahuunis beekkameera.

#Godina_Jimmaa #Magaalaa_Shabee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button