header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Shashamanneetti kan argamu Markazu-Na’iim barattoota 100 Hifzii Qur’aanaatiin eebbise

Masjida Abu-Bakr kan magaalaa Shaashamannee jalatti kan argamu, Markazni Hifzii Qur’aana, Markazu-Na’iim guyyaa har’aa barattoota barsiisaa ture 100 hifzii Qur’aanaatiin kan eebbise tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Markazni kun marsaa lammaffaaf kan eebbise yoo tahu, marsaa ammaa kanaatti barattoota eebbifaman keessaa isaan 95 dhiiraa yoo tahan, isaan 5 ammoo dubartoota tahuu gabaafame.

Sagantaa eebbaa kana irratti Ulamaa’ootaa fi keysummoonni hedduun magaalaa Shaashamanneefi iddoo gara garaa irraa affeeramanii jiran. Akkasuma maatiin barattootaafi hawaasni Muslimaa magaalaa Shaashamannee argamuun qooda fudhatanii jiru.

Dhuma irrattiis eebbifamtootaaf waraqaan ragaatii fi badhaasni kennamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button