header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Magaaloota Lixa Oromiyaa hedduu keessatti ajjeechaa waraanni Makkalaakayaa Calanqootti raawwate balaaleffatuun mormiin gaggeeffame

Ajjeechaa waraanni makkalaakayaa magaalaa Calanqoo keessatti lammiilee nagayaa irratti raawwate balaaleffachuun mormiin magaalaawwan Oromiyaa keessatti geeggeffamaa jiru ammas itti fufee jira.
Guyaa hardhaa magaaloota Lixa Oromiyaa heddu keessatti mormiin cimaa ta’e kan gaggeeffame yoo tahu, Godina Wallaga Bahaa magaalaa Naqamtee keessatti mormiin cimaan barattootaan durfame gaggeefameera. Haaluma walfakkatuun Godina Wallaga lixaa magaalaa Mandii akkasumas, Godina Bunoo Baddallee magaalaa Baddallee keessatti mormiin gaggeeffamaa ooleera.
Mormii magaalota kanneen keessatti gaggeeffame irratti dhaadannooleen godhaman keessaa, waraanni Makkalaakayaa Oromiyaa keessaa hatattamaan haabayu, namoonni Calnqotti ajjeechaa raawwatan seeratti haadhiyaatan kan jedhu akka ta’e gabaasni araganne ni mul’isa.
Gama biraatiin ammoo godina Harargee Lixaa aanaa hawwii guddinaatti waraanni makkalaakayaa lammilee nagayaa irratti dhukaasa kan bane tahu gabaasni argame ni ibsa.Mootummaan biyyattii keessatti interneetii kan uggure tahuus beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button