header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Magaalota godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hiriirri geggeeffamu cimee itti fufee jira.

Godina Qeellem Wallaggaa aanaa Haawwaa galaan magaalaa Gabaa Roobiitti barattoonni, qotee bultoonni, daldaltoonni fi hojjattoonni mootummaa hundi bahuun mormii godhaa ooluu odeeyfannoon argame ni addeessa.Hiriira kana dhaabsiisuuf yaaliin godhame kan hin milkaayin yoo tahu, hiriirri nagayaan geggeeffamee xumuramuun beekameera.

Haaluma walfakkaatuun godina wallagaa Bahaa Horroo Guduruu magaalaa Shaambuu keessatti waraanni makkalaakayaa namoota hiriira bahan irrtti dhukaasa baneen, poolisii Oromiyaa tokkoo fi namoota biraa lama kan ajjeesse tahuu gabaasni argame ni mul’isa.
Magaalaa Buraayyuu keessattis mormiin geggeeffamee jira. Namoonni hiriira kana irratti hirmaatan kan hidhaman jiraatus odeeyfannoo ni addeessa.

Magaalaa Baakkoo keessaattis ummanni bahuun hidhamtoonni Siyaasaa hatattamaan haa hiikaman jechuun kan gaaffatan tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button