header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Federaalaa Gaaffii ummataaf hatattamaan deebii akka kennu, Majlisni Oromiyaa gaafate

Majlisni Oromiyaa xalayaa fuula 6 qabu kan Majlisa Federaalaaf barreese irratti, Majlisni Federaalaa yeroof amaanaan hoggantoota aangoo irratti argamanitti kennamuu kaase. Qaamoleen kun immoo aangoo itti kenname kanaan tokkummaa ummata Muslimaaf hojjatuu caalaa, Muslima gareen qoqqoodaa jiraatuu ibse. 
Akkasumas Majlisni Federaalaa, komii ummata irraa ka’aa jiru dhaggeeffattee, gaaffii ummataaf hatattamaan deebii akka kennuus gaafate.

Qabxiiwwan Majlisni Oromiyaa kaase jidduu..
“¢ Majlisni Federaalaa bara dabre keessa ji’oota 6 keessatti hojiiwwan gurguddoo 3 raawwatee, aangoo hoggantoota Majlisa haarayaaf akka dabarsu, amaanaa kana ammoo waan hanqisaniif dafanii akka fiixaan gahan.

“¢ Miseensota Mana Marii Ulamaa, Federaalaafi naannoolee 9 irraa filamanii turan 26 jidduu, namoonni 11 akka hojii raawwachiisaniif ramadamanii turan. Haa tahuu malee namoonni 8 naannoo tokko qofa(naannoo Amaaraa) irraa ramadamuun sirrii miti. Kun immoo akka sirreeffamuu qabu ibsame.

Majlisni Federaalaa gaaffiiwwan waggaa guutuuf ka’aa turan kanaaf hatattamaan deebisaafi sirreeffama kennuu qaba. Kun tahuu baannaan Majlisni Oromiyaa, mirga ummata naannichaa bakka isa buufate kabachiisuuf jecha tarkaanfii barbaachisaa tahe ofii isaatif kan fudhatu tahuu akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button