header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Federaalaa ‘Kaartaan lafa Masjidaa fi Wiirtuu Islaamaaf kenname’ maqaa isaatiin akka qophaa’u gaafate

Muummichi ministeeraa Abiy Ahmad, Ramadaana bara dabre, magaalaan Finfinnee magaalaa waldeennaa gamtaaa Afrikaa tahuu isii hordofuun lafa Masjidaa fi wiirtuun Islaamaa guddaan maqaa ‘Malik Najjaashii’n moggaafame irratti ijaaramu kennuuf waadaa seene.

Haaluma kanaan bulchinsi Magaalaa Finfinnee torbaan lama dura, lafa bal’inni isaa Isquweer Kaareemeetira kuma 30 tahu, hoggantoota Majlisaa magaalaa Finfinnee fi Majlisa Federaalaatif dabarsee kennuun ni yaadatama.

Majlisni magaalaa Finfinnee dhimmi Masjidoota magaalaa Finfinnee keessatti argamanii kan isa ilaallatu tahuu ibse. Kanaaf Masjidaa fi Wiirtuun Islaamaa ijaaramuuf yaadame, haaluma waadaa galameen maqaa Malik Najjaashiitiin akka moggaafamu, akkasuma Kaartaanis maqaa isaatin akka qophaa’u gaafate.

Sanada 1
Sanada Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee lafa Masjiida ilaalchisee irraa Majlisa Finfinneef Keenname 1

Haaluma kanaan bulchinsi magaalaa Finfinnee, qajeelfama irratti hundaa’uun Majlisa magaalaa Finfinneef dabarsee kenne.

Sanada
Sanada Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee lafa Masjiida ilaalchisee irraa Majlisa Finfinneef Keenname

Haa ta’uu malee hoggantoota Federaalaa jidduu, qaamoleen tokkummaa hawaasa Muslimaa gufachiisuuf socho’an, qajeelfama faalleessuun falmii Kaartaan maqaa Majlisa Federaalaan qophaa’u qaba yaada jedhu kaasaa jiran.

Hoggantoonni Majlisa Federaalaa kunniin xalayaa Caamsaa 22,2012 bulchinsa Magaalaa Finfinneef barreessan irratti, Kaartaan maqaa Majlisa Federaalaan qophaa’e hatattamaan akka isaanif kennamu gaafatan.

Xalayaa Majlisa Federaalaa irraa Caamsaa 22 ergame
Xalayaa Majlisa Federaalaa irraa Caamsaa 22,2012 Bulchiinsi Magaalaa Finfinnetiif ergame

Hoggantoonni majlisa Federaalaa kunniin, wixineen seeraa majlisni labsiin akka hundeeffamu gaafatu, kan koree dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi dimokrasii mana marii bakka bu’oota uummataaf dhiyaate, akka hin raggaasifamne gufachiisaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

6 Comments

  1. Maashaa Allaah odeeffannoo nuuf qooduu keessaniif galannii keesan jannata.
    Garuu walitti gaarrefannaa majlisootaataa Rabbiin haa furuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button