header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee, “Sanadni dhoksaan dhiyaate seeraa ala” jechuun balaaleefatan

Hoggantoonni Majlisa Federaalaa muraasni, wixinee seeraa Manni Marii dhimmoota Islaamaa labsiin akka hundeeffamu gaafatu, kan kanaan dura paarlaamaaf ergamee fooyya’uu qaba jechuun, sanada fula 11 qabu koree dhabbii dhimma seeraa, haqaa fi dimookrasii Paarlamaaf galchuu gabaasuun keenya ni yaadatama. 
Majlisni Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee sanada hoggantoota Majlisa Federaalaa muraasa irraa dhiyaate kana balaleefatuun ibsa baasan.

Majlisni Naannoo Oromiyaa xalayaa fuula afur qabu kan guyyaa kaleessaa koree dhabbii Paarlamaaf erge irratti, Sanadni wixineen seeraa labsii Majlisaa ilaalchisee akka fooyya’u jedhu, kan hoggantoota muraasa Majlisa Federaalaa irraa dhiyaate, kan Muslimoota naannichaa 95% bakka hin buune jechuun balaaleefate.

Haaluma walfakkaatuun Majlisni Waliigalaa magaalaa Finfinneetis ibsa guyyaa har’aa baaseen, Sanadni dhoksaan Majlisa Federaalaa irraa dhiyaate, beekkamtii Majlisa magaalichaa kan hin qabneefi kan seeraa alaa ta’uu beeksise.

“Gochi seeraa alaa akkasii akka irra deebiin hin raawwatame sirreeffamuu qaba” jechuunis gaafate.

Itti ida’uunis Majlisoonni lamaan, Sanadni dhiyaate kan Muslimoota garee gareen adda qoqqooduu fi tokkummaa Muslimaa diiguuf qophaa’e tahuu ibsan.

Mootummaanis garee tokko deegaruun gocha seeraa alaa amantaa keessa seenuu irraa akka of qusatu gaafatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button