header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Naannoo Oromiyaa Masjidoonni akka cufaman ajaje

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa(Majlisni), tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayiras to’achuuf Salaatni Jum’aa fi Jam’aa Masjidatti akka hin geggeeffamne murteesse. Haa ta’u malee Masjida irraa Azaanni yeroo Salaataa ummata yaadachiisuuf kan bahu tahuu ibsame.
Sagantaaleen Da’waa fi barnoonni Diin Islaam kan namoota hedduu walitti qabuun barsiifaman yeroodhaaf dhoorkamuu labse.
Yeroo rakkinaa kanatti harka qalleeyyii gargaaruun akka cimu, namoota hubannaa hin qabneef hubannoo raabsuun itti fufuu akka qabu jechuun Majlisni Oromiyaa dhaame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button