header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Naannoo Somaalee Sanada Hoggantoota Majlisa Federaalaa irraa Dhoksaan dhiyaate balaaleefate

Manni marii dhimmoota Islaamaa naannoo Somaalee, sanada fuula 11 qabu kan hoggantoota majlisa Federaalaa muraasa tahan irraa, wixineen seeraa manni marii dhimmoota Islaama Itoophiyaa labsiin akka hundeeffamu gaafatu akka fooyya’u jechuun,  koree dhabbii dhimma seeraa, haqaa fi dimookrasii mana marii bakka bu’oota ummataf dhiyaate balaleefatuun ibsa baase.

Manni marichaa xalayaa fuula lama qabu kan koree dhabbii bakka bu’oota ummataf erge irratti, sanadni dhoksaan dhiyaate, kan muslimoota naannichaa fi guutuu biyyaatti bakka hin buune jechuun balaleefate.

Itti dabaluunis koreen dhabbii dhimma seeraa, haqaa fi dimookrasii mana marii bakka bu’oota ummatas, sanadni dhoksaan dhiyaate kan muslimoota naannichaa bakka hin buune tahuu hubatun, wixineen seeraa duraan dhihaatee ture akka raaggasifaamu gaafate.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button