header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Oromiyaa hojiiwwan ji’oota dabran keessa hojjetaman irratti Miidiyaaleef ibsa kennuufi

Kora waggaa dabre sadarkaa biyyaaleessaatti koreen jijjiirama dhaabilee hawaasa Muslimaa MM Abiy Ahmadiin hundeeffame Hoteela Shaaratanitti geggeesse irratti, Manni Marii Ulamaa ce’umsaa fi boordiin Majlisa ce’umsaa hundeeffamee ture. Caasaa haarawa koreen kun qopheese irratti hunda’uunis sadarkaa naannootti caaseeffamni, Mana Marii Ulamaa fi boordiin Majlisa naannoolee akka hundeeffamu ajajajamuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Majlisni Oromiyaa caasaa haarawa qophaa’e irratti hunda’uun, Mana Marii Ulamaa naannichaa fi miseensota boordii cehumsaa eega hundeessee ji’oottan torba lakkawsisee jira.

Manni Marii naannichaa bifa haarawaan caaseeffama haarawa qophaa’e irratti hundaa’uun ijaarame kunis, hojiiwwan ji’oota torban dabran keessa hojjetaman, hanqinaa fi cimina ture, akkasumas sababoota akka hojiin hin hojjatamne gufachiisaa turan ilaalchisee Gurraandhala 24,2012 Miidiyaalee biyya keessaatiif ibsa kennuufi tahuu beeksise.

Manni Marichaa xalayaa guyyaa har’aa baase irrattiis qabxiiwwan ijoo ibsa irratti kennu ifoomsee jira.

Qabxiiwwan kanniin jidduu, Hajjii bara 2011 ilaalchisee dararaa Hujjaajoota mudatan, buufata xayyaara Boolee irraa kaase hanga isaan Hajjii xumuranitti isaan qunnamte kaasuufi.

Akkasuma baajatni hoji-geggeessaa Majlisa Federaalaa irraa naannooleef ramadamu, addatti ammoo naannoo Oromiyaatif baajatni maalif akka ramadamuu dhabeefi qabxiilee birootis gad-bu’anii Miidiyaaf ibsa bal’aa kennuufi tahuu beeksise.

Yeroo dhihoo as majlisa naannoolee irraa komiin cimaan majlisa Federaalaa irratti kan dhagahama jiru yoo tahu, Majlisni Federaalaa gama isaatiin xalayaa guyyaa har’aa Facebook isaa irratti maxxanseen, Hajjii bara 2011 geggeeffameen wal-qabatee duulli isarratti banamuu kaase ibse.
Qaamoleen tokko tokko karaa Miidiyaalee hawaasaatiin koree Hajjii bara 2011 irratti olola sobaa oofaa akka jiran, olola kanaaf immoo dhihotti gabaasa walii galaa ummataaf kan dhiheessu tahuus ibse.

Torban dabre keessa manni marii Dhimmoota Islaamaa waliigalaa magaalaa Finfinnee, majlisni Federaalaa imaanaa ummanni nuti kennate akka nuti galmaan hin baasne dhiibbaa godhaa jira jechuun komii dhiheessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button