header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni waliigalaa magaalaa Finfinnee, Kutaalee Magaalaa 40f hoggantoota haaraya muude

Manni marii dhimmoota Islaamaa Waliigalaa magaalaa Finfinnee, guyyaa har’aa Hoteela Ummaatti walgahii geggeesse. Walgahii kana irrattis Caasaa haarawa hoggantoota majlisaa ilaalchisee koreen jijjiirama dhaabilee hawaasa muslimaa qopheese irratti hunda’uun, caasaa hoggansa Majlisaa duraanii diiguun haarawaan bakka buusee jira.

Haaluma kanaan manni marichaa, hoggantoota majlisa kutaalee magaalaa 40 aangoo irraa kaasun, haarayaaf muudama keennu gabaafame.

Torbaan dabre hoggantoonni majlisa kutaa magaalaa 10 fedhii isaaniitiin aangoo lakkisuu hordofuun, manni marii dhimmoota Islaamaa waliigala magaalaa Finfinnee hoggantoota haarayaaf muudama kan keenne tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Majlisa Finfinnee

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button