header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisoonni Godinaalee Harargee lamaanii Yaa’ii Idilee  isaanii  kan bara kana geggeessan

Manneen marii dhimmoota Islaamummaa  godinaalee Harargee lixaa fi baha Yaa’ii isaanii tokkoffaa fi lammaffaa kan bara kana guyyaa kaleessaa fi arraa kan geggeessan yoo tahu, bakka bu’oonni hoggansa majlisa naannoo, aanaalee godinichaa fi ulamoonni kan irratti hirmaatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Manni marii dhimmoota Islaamummaa godina Harargee lixaa Yaa’ii isaa lamaaffaa guyyaa kaleessaa geggeesse irratti, Majlisa Oromiyaa irraa, Sheikh Jamaal Aliyyii fi Sheikh Muhsin miseensa ulamaa’ii  majlisa  naannoo Oromiyaa akkasumas walitti qabaan boordii majlisa Oromiyaa Ustaaz Gaalii Abbaaboor hirmaatanii jiru.

Akkasumas miiseensi hogganaa majlisaa aanolee 15 fi magaalaa 2 hundi ulamaa’ii fi boordii irratti argamanii jiru. Gabaasni bara hojii 2012 kan Aanolee fi Godinichaa dhihaatee jira. Keessuma aanaan Mi’eessoo hojii boonsaafi fakkeenya gaarii ta’u hedduu dalagan keessaa, biiroo ijaarrachuu, daataa halaqaa ilmii adda baasuu, qabeenyaaf hordoffii taasisuu gabaafame.

Yaa’icha irrattis Gabaasni bara 2012 fi karoorri bara 2013 dhihaatee yaadaa fi gaaffiin bal’aan irratti ka’ee erga gamaaggamamee booda sagalee guutuun mirkanaa’ee jira. Dhuma irratti ibsa ejjennoo dubbifamee sagantaan milkiin goolabamee jira.

Haaluma walfakkaatuun manni marii dhimmoota Islaamummaa godina Harargee bahaattis Yaa’ii Idilee 1ffaa kan bara kana guyyaa arraa magaalaa Hararitti kan geggeesse yoo tahu, Ulamoota gurguddoo akka  Sheikh Adaam Tulaa, Sheikh Ahma Watar, Sheikh Muusaa Su’aalaa, Sheikh Abdulaxiif Mataan dabalatee, hooggantoonni fi miseensoonni mana marii godinichaa kan irratti hirmaatanii jiru.

Yaa’ii kana irratti karoorri bara 2013 kan mirkanaa’e fi, karoorri buusii fi raawwiin bara 2012 irratti ni ragga’uu odeeyfannoo ni addeessa.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button