header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Maleezhiyaan loltoota isii Sa’udii keessaa baasuuf kan qophaayaa jirtu tahuu beeksifte

Ministeerri Ittisa Maleezhiyaa Muhammad Sabu ibsa guyyaa kaleessaa kenneen, mootummaan biyyattii haaraya filatame dhimma biyyoota baha jiddu galeessaa irratti tarsiimoon hordofu, Isra’eeliin alatti, kan obbolummaa fi walqixxummaa qofa irratti hundaaye akka tahuu murteessee jira.

Mr Sabu ibsa isaa kana irratti, ” Mootummaan Maleezhiyaa Mummicha ministeeraa duraanii Najiib Razzaaqiin hoogganamu walitti bu’iinsa naannawa baha jiddu galeessaa keessatti hirmaachuun isaa sirrii hin turre, haata’u malee  loltoonni  gamtaa biyyoota Arabaatiif Maleezhiyaan gara Sa’udii ergite hanga har’aatti duula Yaman keessatti geggeefamaa  jiru irratti kallattiin hin hirmaanne”jedhe.
Waraanni gamtaa biyyoota Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hoogganamu bara 2015 irraa jalqabee mootummaa Yaman deeggaruun loltoota Huusii irratti duula jalqabuun isaanii ni yaadatama. Jalqaba irratti biyyoonni Araabaa fi Muslimaa 20 ol tahan duulaa kana deeggaruun loltootaa isaanii gamtichaaf erganii kan turan tahus, booda irra biyyoonni heddu duula kana keessaa kan bahan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Yeroo ammaa kana Sa’udii fi Emreets qofti waraana mootummaa Yaman waliin tahuun biyyattii keessatti duula hamaa tahe kan geggeessaa jiran tahuun ni beekama.

Malesia troops

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button