header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manneen Murtii Federaalaa hujii idilee isaanii torbee lamaaf akka dhaaban murtaa’e

Prezdaantiin Mana Murtii Federaalaa Aadde Ma’aazaa Ashannaafii akka beeksistetti, Manneen Murtii Federaalaa tamsa’ina Vayirasii Koroonaa ittisuuf jecha Bittooteeysa 10-24/2012tti himannaa haaraya kan hin keessummeessine tahuu ibsite.

Prezdaantiin Mana murtichaa akka himtetti, “yeroo kanatti dhimmoonni dirqisiisoo fi dhimmoonni biyyaa yeroo itti kennuun hin danda’amne qofti bifa addaatin kan ilaallaman ta’a”jette.

Dhibee Vayirasii Koronaa guutuu addunyaa keessatti hammaataa dhufeen wal qabatee, tamsa’ina Vayirasichaa hir’isuuf biyyoonni tarkaanfiiwwan gara garaa kan fudhataa jiran yoo tahu, akka guutuu addunyaatti tamsa’ina Vayirasichaa hir’isuuf iddoowwan ummanni itti baay’atu irraa fagaachuun bu’aa qabeessa tahuu WHO cimsee gorsaa jira.

Haaluma kanaan mootummaan Ityoophiyaatis Jum’aa dabre Vayirasichi biyyattii keessatti argamuu eega mirkaneessee booda, manneen barnootaa cufuu dabalatee tamsa’ina Vayirasichaa hir’isuuf carraaqaa jiraatuun ni beekama. Haata’u malee ammas iddoowwan Gabaa, Traanspoortii fi naannawa manneen amantaatti of eeggannaan godhamu cimuu akka qabu ibsamaa jira.

Lammiileen biyyattiis qajeelfamoota mootummaa irraa bahan hordofuun, tamsa’ini Vayirasichaa biyyattii keessatti sadarkaa weerararaa irra osoo hin gahin to’achuuf gahee isaa akka bahatan, ogeeyyoonnii fayyaa fi abbootiin amantaatis dhaamsa isaanii dabarfataa jiran.

Dipiloomaatii Lammii Briteen guyyaa dheengaddaa Emreets irraa Ityoophiyaa seente dabalatee, lakkoofsi namoota Vayirasii Koronaatiin qabamuun mirkanaahee 6 gahuu Ministeerri Fayyaa Arba’aa kaleessaa beeksise.

 

One Comment

  1. kuni bu’aa daangaa Rabbii darbuutin nutti dhufe falli guddaan gara Rabbii dheessuu qofa kana ta’uu baannan Rabbiin keenna kana caalaa nu adabuun sodaatama

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button