header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walgahii Idilee geggeessaa jira

Paarlaamaan walgahii idilee 2ffaa har’a geggeessa jiru kanaan labsii taayitaa qaama raawwachiistuu mootummaa murteessu irratti mari’ataa jira. Haaluma kanaan yeroo ammaa muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad wixinee labsii taayitaa qaama raawwachiistuu mootummaa federaalaa murteessu irratti mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif Ibsa kennaa jira.

 

Lakkoofsi miseensota kaabinee mootummaa Federaalaa 28 ture gara 19 kan hir’ate yoo tahu, dhaabbiileen heddu walitti baquun akka haarayaatti kan ijaaraman tahuu ibsa muummichi ministeera kennaa jiru irraa hubatameera. Dr Abiy miseensota Kaabinee haarya ijaares mana marichaatiif dhiheesse muudama isaanii ni raggaasisa jedhamee eeggama. Miseensota Kabaanee ministeerotaa haaraya ijaaraman keessa 10 dubartoota tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button