header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree Federeeshinii ‘aangoon mootummaa akka dheeratu’ murteesse

Manni Maree Federeeshinii Ityoophiyaa hanga weerarri vaayirasii koroonaa to’annoo jala ooluun mirkanaahutti, aangoon mootummaa akka dheeratu murteessuu isaa beeksise.
Manni Marichaa wal gahii Idilee Arba’aa har’aa geggeesse kana booda ibsa baaseen, Manni maree federaalaa fi Manneen Maree naannolee hundi akka hojii isaanii itti fufan yaada fumaataa dhiyaateef ilaaluun sagalee caalmaan raggaasisuu hime.
Akka ibsa mana marichaatti, Koreen dhaabbii dhimma hiikoo heeraa fi eenyummaa qulqulleessu yeroo filannoo dheeressuu ilaalchisee gaaffii hiikkoo heeraa dhiyaateef sirnaan erga qoratee booda yaada furmaata kana mana marii federeeshiiniitiif akka dhiyeesse ibsame.
.
Haaluma kanaan weerarri vaayirasii koroonaa yaaddoo ta’uu dhabuun isaa Ministeera Fayyaa, Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa fi saayinsiin erga mirkanaa’een duuba, filannoon yeroo baatii sagalii hanga ganna 1 hin caalle keessatti akka raawwatamu yaadni jedhu sagalee mormii 4, nama sagalee hin kennin tokko fi sagalee deeggarsaa 114n kan raggaasifame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Boordiin filannoo Itoophiyaa filannoo Hagayya dhuftuuf qabamee ture, sababa weerara vaayirasii koroonaatiin raawwachuu hin danda’u jechuu isaa hordofuun, akkaataa yeroo filannoo dheeressuu irratti hiikkoon heeraa kan gaafatame tahuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button