header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree Islaamaa Godina Salaalee hojii majliisaa aanaalee ijaruu cimsee itti fufuu gabaafame

Manni Maree Islaamaa Godina Salaalee guyyaa kudhan dura magaalaa Fichee keessatti haarayatti hundeeffamuu gabaasuun keenna ni yaadatama. Manni marichaa haarayatti hundaaye kun saffisaan hujii majliisa aanaalee ijaaruutti kan seene yoo tahu, guyyaa hardhaatis aanaa Waacaalee magaalaa Muka Xurrii keessatti bakka bu’oota hawaasa muslimaa waliin marii kan geggeesse tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Marii Majliisni godina Salaalee qopheesse kana irratti Sheikh Muhammad Awwal fi Sheikh Abdurrahmaan Yuusuf koree ulaamaa’otaa bakka bu’uun, akkasumas Dargaggoo Musxafaa Nugusee ammoo koree boordii godinichaa bakka bu’uun hirmaatanii jiran.
Haaluma kanaan hoggantoonni majliisa godinichaa bakka bu’oota hawaasa muslimaa aanaa Waacaalee Masjiidota lama irraa walitti dhufan waliin marii bal’aa eega geggeessanii booda, Koree Majliisa aanaa Waacaalee Ulamaa’ii irraa namoota 7 akkasuma Borrdii anichaatiif namoota 7 walumagalatti koree namoota 14 qabu filachuun kan xumurame tahuu odeeyfannoon Majliisa Godina Salaalee irraa nu dhaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button