OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree Naannoo Tigraay muudama hoggantoota Komishinii filannoo shan raggaasise

Naannoon Tigraay dhuma baatii Hagayyaa keessa sadarkaa naannootti filannoon akka gaggeeffamu hojjataa jiraachuu ibsuun isaa ni yaadatama. Manni Maree bakka bu’oota Ummata Tigraay walgahii addaa Kamisa har’aa geggeesseen, filannoo sadarkaa naannootti gaggeessuuf karoorfame kana akka hoggananiif, muudama hojii raawwachiftota Komishinii filannoo raggaasise.
Haaluma kanaan Obbo Muluwarqi Kidaana-Maariyaam Komishinara Komishinii Filannoo Naannoo Tigraayii ta’uun kan mudame yoo ta’u, Aaddee Tsigeredaa Dibakulluu ammoo itti aantuu ta’uun filatamte. Obbo Marasaa Tsahaaye, Obboo Muhaamad-Sa’iid Hagoos fi Dr Tsaggaa Birhaan ammoo hojii raawwachiftota ta’uun filatamanii jiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Sababa weerara vaayirasii Koroonaatiin filannoon biyyaalessaa bara kanaaa yeroo hin beekamnetti dabarfamuu kan labse tahus, naannoon Tigiraay filannoo naannoo isaa gaggeessuudhaaf murteeffachuun isaa ni yaadatama.

Tags
Show More

2 Comments

...

Back to top button
Close
Close