header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Sagantaa Deeggarsa Muslimoota Magaalaa Mooxaatiif geggeessaa ture milkiin xumuruu beeksise

Haleellaa Shororkeessitoonni Naannoo Amaaraa Godina Gojjaam Bahaa Magaalaa Mooxaa keessatti Muddee 10/2012 raawwataniin, Masjiidota dabalatee qabeenyi hawaasa muslimaa heddu barbadaayuun ni yaadatama. Kanuma hordofuun mootummaan naannichaas ta’e kan federaalaa, hawaasa muslimaa magaalattii halkan tokoon qabeenyi shororkeessitootaan jalaa barbadaayee rakkoo hamaaf saaxilame kanaaaf deeggarsa tokkollee hin kennine.

Haaluma kanaan Majliisni Federaalaa Muslimoota Magaalaa Mooxaa rakkoo hamaaf saaxilaman bayyanachiisuu fi akkasumas masjiidota gubaman ijaarsisuuf, Ammajjii 22/2012 sagantaa galii walitti qabuu biyya keessaa fi biyya alaatti jalqabsiise ture. Manni Marichaa ibsa guyyaa hardhaa baaseen ammoo sagantaan Deeggarsaa Muslimoota Maaagaalaa Mooxaatiif geggeeffamaa ture kun milkii guddaan xumuramuu beeksise.

Manni Marichaa ibsa isaa kanaan, lammiilee Ityoophiyaa biyya keessaa fi biyyoota alaa jiraatan irraa Birri Miiliyoona Dhibba Lama walitti qabuuf karoorfatee akka ture ibsuun, hanga guyyaa hardhaatti Birriin 208,939,962.90 (Miliiyoonni Dhibba Lamaa fi Milliyoonni Saddeeti fi Kumni dhibba sagalii fi kumni soddomii sagal fi dhibbi sagalii fi jahatamii lamaa fi santimiin sagaltama) gara lakkoosa herreega deeggarsa Mooxaatiif banameetti kan gale tahuu ibse. Maallqni kun harki guddaan kan biyya keessatti walitti qabame yoo tahu, deeggarsi bifa meeshaalee akka Dahaabaa, Ziqayaa, Meetii, Telefoonaa, Bajaajii fi kanneen birootiin kenname, gatiin isaa Birrii 700,000 tti shallaggamus dabalataan kan kennamee tahuu ibsame.
Majliisichi ibsa isaatiin, har’a irraa jalqabee deeggarsi maqaa Muslimoota Mooxaatiin jalqabame ifatti kan goolabame tahuu ibsuun, hawaasni Ityoophiyaa biyyoota alaa keessatti Maallaqa deeggarsaa walitti qabanis, hanga March 3/2020 gama lakkoofsa herreega Dolaaraa (Oromia International Bank Oda Branch lakoofsa 1137526/2/3401/0 Swift Code:- ORIRETEA) akka galchan dhaamatee jira.

Majlisichi hojiin itti aanu maallaqa deeggarsaa kana karaa ifa taheen ijaarsa Masjiidotaa fi qabeenya muslimootaa barbadaaye bakka buusuudhaaf koree ogeeyyoota hundeessee kan socho’u tahuu ibse. Dhuma irrattis Majliisni Federaalaa hawaasa Muslimaa waamicha dhihaateef fudhatee kaka’umsa ol’aanaan karoora isaa bakkaan gahe galateeffatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button