header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni marii olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Jimmaa yaa’ii Idilee 2ffaa geggeesse

Manni marii olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Jimmaa bakka keessummoonni adda addaa argamanitti yaa’ii Idilee 2ffaa geggeessaa ture milkiin xumure.
Yaa’iin kun ganama Sabtii kaleessaa Qur’aanaa fi du’aa’ii ulamootaatiin eega jalqabamee booda, dura ta’aan Majlisa Magaalaa Jimmaa Sheikh Muhammadamiin Tamaam haasaya baniinsaafi keessummoota yaa’icha irratti argaman anaa dhufu jechuun simatanii jiru.

Yaa’ii kana irrattii gaabsni raawwii hojii bara dabre /2012 fi karoorrii hojii bara 2013 bordii hojii raawwachiistuutiin dhihaate eega gamaaggamamee booda sagalee guutuun ragga’uu odeeyfannoon arganne ni addeessa.
Majlisa Oromiyaa Oromiyaa irraa walitti qabaan Boordii Ustaaz Injiiner Gaalii Abbaa Boor, Barsiisaa Badruu Muhammad fi Sheikh Shaafii Yaasiin yaa’ii kana irratti argamuun karoora majliisa Oromiyaa ilaalchisee ibsa kennanii jiru.
Dhumarrattis yaa’iin idilee lammaffaan muudama gara garaa kennuun, ibsa ijjannoo qabxii shan qabu baasuun milkiin xumuramuu odeeyfannoon ni mullisa.

Odeeyfannoo walfakkaatuun guyyaa har’aa Godina Bunoo Baddelleeti Manni Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa godinichaa Masjida guddaa magaalichaa masjida Annuur jedhamutti wal ga’ii guddaa kan geggeessaa jiran tahuun beekameera.

Majliisa JImmaa1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button