header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii walii gala Ulamaa Majlisa Oromiyaa eenyufaaf aangoo kenne?

Manni marii waliigala Ulamaa Majlisa Oromiyaa kibxata kaleessaa galma aadaa Oromoo magaalaa Finfinneetti argamutti yaa’ii idilee gaggeesse. Yaa’icharratti Ulamaan godinaalee naannichaa garagaraa irraa dhufan argamuun ibsa ejjannoo qabxii 10 qabu baasanii jiran.

Akkasumas dura bu’aa Muftoota Majlisa Oromiyaa, itti aanaa fi dura bu’aa Imaamotaa fi Du’aata Majlisa Oromiyaa filachuun raggaasisan.

Manni marichaa ibsa ijjannoo baase irratti, dhimma nageenya biyyattii irratti hawaasni Muslimaa dammaqinaan akka hojjatu, ummanni Muslimaa tokkummaa jidduu isaatti akka cimsu gaafatan, dhimmoota Shari’aa murteessoo tahan irratti Ulamaa godina irraa bakka buufaman (kanneen mana marii Ulamaa Oromiyaa irraa beekkamtii argatan) malee qaamni kamuu lafaa ka’ee akka Fataawaa hin kennine murteessan.

Haleellaa Masjida seenaa mootii Najaashii irratti raawwatame kan balaaleeffatan tahuu fi Lammiilee keenya biyya alaatti, keessumaa Su’uudii Arabiyaatti mana hidhaa keessatti dararamaa jiran mootummaan xiyyeeffannaa ga’aa kenneefii akka lubbuu isaanii baraaree nageenyaan biyya isaaniitti deebisu gaafatan.

Ibsa ijjannoo kana guutuu isaa Liinkii armaan gadii irraa argachuu dandeessu.

http://nuuralhudaa.com/ibsa-ijjannoo-walgaii-mana-marii-ulamoota-majlisa-oromiyaa-galma-aadaa-oromootti-geggeeffamee/

Haaluma walfakkaatuun dura bu’aan Muftillee Majlisa Oromiyaa, Itti aanaa, barreessaa fi dura bu’aa Imaamotaa fi Du’aata Oromiyaa filachuun raggaasifamee jira.

Eenyuufaa filatame? Gaheen isaanii hoo maal?

Sheekh Aadam Tuulaa dura taa’aa Muftiillee Majlisa Oromiyaa tahuun filaman. Dr Kamaal Haaj Galaatuuu ammoo itti aanaa tahuun filame.Sheekh Amiin Ibroo tis walitti qabaa Daa’iwwan Majlisa Oromiyaa tahuun filaman.

8 Comments

  1. As wr wb masha allah jama’a Nural huda
    yaada gabaaban ani qabu sochiin NH godhu hararge kessatti dilas hin heddummatu
    irra bayye ummani garagarummaatu jiramo akka ummani kenya adda hinqodamne sirritti irratti dalagu qabdan
    Rakkon muslima Rakko muslimaati islaamni Nannumma kessa bahuu qaba galatoma
    As wr wb

  2. Assalamu aleykum warahmatulahi wabarakatuhu

    Mashaallah Rabbin is hagarggaru jabadha galaani keessan jannata isif hagodhu Rabbin

  3. الحمد لله رب العالمين ثم الحمد لله رب العالمين جزاكم الله خيرا على هذه الجهود

  4. Jazaa Kumullaahu Keeyran Rabbi sirra haa jaalatu jazan keessan jaannatal Firdoowsin haa tahu Rabbiif jecha isin jaaladha ammallee kanumaan daranitti ittuma nuuf fufaa heddu heddu isinirraa gammachuu guddaa qabna akka ummata muslimaatti ammallee waan gurgudda heddu isinirra diinii keennaf waan nuti isinirraa yaannuu ol Rabbiin isin nuuf haa taasisu inshaa Allaah!!!☝️❤️

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button