header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Manni murtii Faransaay dubartii Muslimaa qondaala harka fuudhuu diddee lammummaa dhoorkate

Biyya Faransaayitti Bulchiinsi naannawa Isere June 2016 dubartii muslimaa dhalootaan Aljeeriyaa taate sirna kenniinsa lammummaa irratti qondaala harka fuudhuu diduu isiitiif paaspoortii lammummaa Faransay dhoorkate. Dubartiin abbaan warraa isii lammii Faransaay tahe tun, April 2017 mana murtii Ol’aanaa dhimma bulchiinsaatti “qondaalticha harka fuudhuu wanti dideef waan amantiin kiyya na dhoorkuuf” kanaafuu mirgi lammummaa argachuu naaf haa kabajamu jechuun ol iyyatte.

Manni murtichaa Khamiisa dabre April19/2018 “gochi dubartii tanaa hawaasa Faransaayitti madaquudhaaf fedhii dhabuu isii mullisa” jechuun murtii bulchiinsa nannichaa deeggaruun kan murteesse tahuu AFP gabaase. Haata’u malee manni maree naannichaa murtiin manni murtii ol’iyyannoo dubartii tana irratti kenne sirrii miti jechuun kan qeeqe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button