Categories: Eeshiyaa Odeeyfannoo

Manni Murtii Idil Addunyaa-ICJ’n duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaaluu kan jalqabu tahuu beeksise

Manni Murtii Idil Addunyaa International Court of Justice (ICJ) jedhamu, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaalchisee, himannaa yakkaa Gaambiyaan mootummaa Miyanmaar irratti bante ilaaluu kan jalqabu tahuu beeksise. Haaluma kanaan manni murtichaa himannaa kana December 10-12/2019tti dhageefachuuf kan beellame yoo tahu, mootummaa Miyanmaarifis xalayaan waamichaa kan ergame tahuun beekamee jira.

Kanuma hordofuun Jilli Mootummaa Miyanmaar Aang San Suchiitiin hogganamu gara The Hague kan imalu tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Manni Murtii Haqa Idil Addunyaa ICJ’n dhimmoota biyyoota lama jiddutti ka’an kan ilaalu yoo tahu, biyyiti Lixa Afrikaa Gaambiyaan Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 bakka bu’uun torbaan tokko dura himannaa kana kan bante tahuu ibsame. Ogeeyyonni seeraa mootummaa Gaambiyaa himannaa dhiheessaniin, Mootummaan Miyanmaar karooraa fi haala qindaaween muslimoota Rohingiyaa irratti bara 2017 irraa eegalee yakka duguuggaa sanyii raawwataa jiraachuu ibsuun, manni murtichaa mootummaa Miyanmaar gocha kana irraa akka dhaabsisu gaafatan.

Haaluma wal fakkaatuun Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa ICC jedhamu kan achuma Netherlands magaalaa The Hague ’tti argamu, qondaaltota mootummaa Miyanmaar duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame keessaa harka qaban irratti himannaa banuuf, kan qophaayaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Muslimoota Rohingiyaa ajjeechaa fi dararaa hamaa mootummaan Miyanmaar isaan irratti raawwataa ture jalaa lubbuun hafan jidduu, ummanni 700,000 ol gara biyyoota ollaatti kan baqate tahuu UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa gabaasaa turuun ni yaadatama.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Gareen Abukaatoo Obbo Jawaar Muhaammad, Jawaariin akka hin dubbisne dhoorkamuu beeksise

Gareen abukaatoo namoota jaha qabu Jawaar Muhaammad dubbisuuf har'atti beellamni qabamuufii kan ture tahus, haaluma…

6 hours ago
  • Koroonaa
  • Latin America
  • Odeeyfannoo

Prezdaantiin Braaziil Dhukkuba Vaayirasii Koroonaatiin qabamuu gabaafame

Prezdaantiin Braaziil Jair Bolsonaro weerarri vaayirasichaa addunyaa keessa tatamsa’uu akkuma jalqabeen, dhibeen Covid-19 jedhamu hin…

7 hours ago
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

Weerarri Vaayirasii Koroonaa biyyoota heddu keessatti deebi’ee hammaatuu gabaafame

Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihanom ibsa kenneen, weerarri Vaayirasii koroonaa haala amma duraa…

1 day ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii gara Masri imaluu gabaafame

Jilli mootummaa Eertiraa prezdaant Isaayyaas Afaworqiin durfamu daaw’annaa hojii guyyaa sadihiitiif har’a ganama gara Kaayiroo…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Oromiyaa lakkoofsi namoota ajjeefamanii 166 ol tahuu beeksise

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun mormii magaaloota godinaalee Oromiyaatti ka’en, yoo diqqaate namoonni…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Jaarmiyaaleen Muslimoota Itoophiyaa 3, ajjeechaa Artist Haacaaluu balaaleeffatan

Jaarmiyaaleen hawaasa Muslima Itiyoophiyaa biyya alaatti argaman 3, ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti Kibxata dabre…

3 days ago