Categories: Eeshiyaa Odeeyfannoo

Manni murtii Indiyaa dhimma Masjida seenaa qabeessa BAABRII irratti murtii kenne

Advertisements

Masjidni seena qabeessi Baabrii jaarraa 16 keessa kaaba Indiyaa magaalaa Ayodhatti jaarame. Masjidni kun bara 1992 keessa hordoftoota amantaa Hinduutiin diigamee ture. Hindoonni lafa Masjida irraa diigan kana mana amantaa isaanii irratti jaarrachuuf kan karoorfatan yoo ta’u, Dhimma kana laalchisuun mana murtii Indiyaatti Muslimoonni himannaa kan dhiheysanii turan yoo tahu, Manni murtichaa guyyaa Kaleessa dhimmicha irratti murtii keennu odeeyfannoon ni addeessa.

Himannaan Muslimootaa fi Hinduu jidduu ture bubbulee jira. Muslimoonni waggaa 460f iddoon sun kan Masjidaa tahuu fi bara 1992 humnaan irraa fudhatamuu ragaa waliin dhiheessan. Hordoftootni amantaa Hinduu immoo ‘iddoo Gooftaan keenya ‘RAM’ itti dhalate’ kanaaf keenya jedhu. Walitti bu’iinsa yeroo sanitti dhalatee tureen lubbuun nama 2000 oli galaafatame jira.

Haaluma kanaan abbootiin seeraa dhimmicha ilaalaa turan 5 sagalee tokkoon ‘iddoon Masjidni irraa diigame, duraan lafa hordoftoota amantaa Hinduuti. Kanaaf isaanumaaf deebifamuu qaba’ Akkasuma lafti hogantoota mana amantaa Hinduu mootummaa Federaalaatiif akka dabarfamee kennamu ajaja dabarsan. Itti fufuunis Muslimootaaf immoo lafti hektaara lamaa akka kennamu murteessan tahuu gabaafame.

Jibbaa Islaamummaa leellisuun kan beekkamu muummichi ministeera Indiyaa Nareendiraa Moodii, duula na filadhaa geggeessaa ture irratti, iddoo Masjidni irraa diigame kana hordoftoota amantaa Hinduuf keenna, akkasumas Mana amantaa Hinduu achitti ijaaramees ni guddisa jechuun dhaadate.

View Comments

Recent Posts

  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Humni galaana Turkiyaa doonii dhaabbata qorannoo Israa’el Galaana Medtiraaniyaan keessaa baase

Dooniin dhaabbata boba’aa Israa’el tun, gara daangaa Cyprus seenuun galaana Meditraaniyaan keessatti hojii qorannoo barbaacha boba’aa irra kan turte yoo…

11 hours ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Prezdaantii Suudaan kan duraanii Umar Al-Bashiir irratti hidhaan waggaa lamaa murtaahe

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir April dabre aangoo irraa eega fonqolchamee booda, malaamaltummaa fi seeraan ala maallaqa biyyoota biroo dhuunfachuun himatame…

2 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Filannoo guyyaa kaleessaa Briteenitti geggeeffameen Paartiin Conservative injifate

Filannoo miseensota paarlaamaa ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame kanaan, paartiin muummicha ministeeraa Boris Johnson kan biyyattii bulchaa jiru, teessoowwan 360 argachuun sagalee…

3 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lammileen Itoophiyaa Suudaan jiran “dararamaa jirra” jedhan

Lammileen Itoophiyaa biyya Suudaan magaalaa Kaartuum jiraatan sababa waraqaa jireenyaatiin walqabatee waraana biyyattiin qabamanii manneen hidhaatti kan darbatamaa jiran tahuu…

3 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Haleellaa buufata loltootaa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni 71 ajjeefaman

Haleellaa buufata loltootaa lixa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni mootummaa 71 ajjeeffamuu, 12 immoo madaa'uu fi akkasumas loltoota hedduu achi buuteen…

3 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Lammiileen Briteen mana maree biyyattii keessatti bakka bu’oota isaanii filachuuf sagalee kennaa jiran

Ummatni Briteen bara 2016 Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin eega murteessee booda, mootummaan biyyattii adeemsa gamticha keessaa bahuu irratti walii…

3 days ago