header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Mannii Murtii Idil-Addunyaa Waraana Briteen irratti qorannoo yakkaa gaggeessuuf ta’uu beeksise

Dokumentarii dhaabbanni BBC qopheesse irratti, waraanni Briteen Iraaq fi Afgaanistaan keessatti yakka raawwachuu ragaan jiraachuun eega ibsamee booda, Manni Murtii Idil Addunyaa (ICC)’n dhimmicha qorachuuf qophaayaa jiraachuu beeksise.
Akka gabaasa kanaatti, Waraanni Briteen lammiile nagayaa biyyoota lamaanii irratti yakki gara garaa kan rawwataa ture yoo tahu, mootummaan Briteen yakki raawwatamuu eega hubatee booda akka ifa hin baane dhoksaa turuu mul’isa. Iddoowwan yakki kun itti raawwatame keessa tokko Iraaq buufata “Stefan”jedhamu kan waraanni Briteen bara 2003 keessa turetti tahuu ibsame.
Himannaa yakkaa kana hordofuun Ministeerri Raayyaa ittisa Briteen ibsa baaseen, waraana Briteeniin yakki raawwatamuu ragaan argame kan hin mirkanaahin tahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button