header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
NHTVTafakkur

Maqaa fii Qaama

Dhugaa Uumamaa Kutaa 5ffaa

Dachii tanarra wanti jiru hundi isaatuu maqaa fi amala mataa isaa qaba. Akkasumas wantoonni dachii tanaan  ala jiranis maqaa fi amala mataa isaanii qabu. Wanti maqaa qabu tokko zaataan jiraachuun isaa dirqama. Wanti hin jirre ammoo Abadan maqaa hin qabu. Warroonni Saayinsiin guddannee jirra jedhan, dachiifii samiin tun uumaa hin qabdu jedhanii amanan. Wanti ajaa’ibaa garuu jechi Uumaa jedhu jiraachuu isaati. Yoo wanti dachii fi samii uume hin jiraannee namni jalqabumaa jecha Uumaa jedhu kana eessaa fidee itti fayyadame jenna duuba?

Fakkeenyaaf, Wanti Samii gubbaa ifaa fi oowwaa nuuf kennu aduu akka ta’e ni beekna. Waan kana yoo ka morminuu ammoo, wanta oowwaa fi ifa nuuf kennaa jiru ka biroo maqaa isaa dhahuu qabna. Maalummaa wanta sanii ammoo ibsuun yoo kan nu dhibuu, Wanti fooddaa keenyaan seenee oowwaa fi ifa nuuf kennaa jiru aduu akka ta’e amannee fudhatuu qabna. oowwaa fi ifni yoo jiraate, qaamni oowwaa fi ifaa kana kennu jiraachuun isaa dirqama. Yoo jiraachuu aduu kan morminu ta’e, ifaa fi oowwi kun foodda mana keenyaa ykn waan biroo irraa dhufe jennee amanuu qabna. Kanaafuu aduun hin jirtu jennee yoo ka murteessinuu, dirqamatti oowwi sun eessaa akka dhufe himuu qabna. Qaama  oowwa kana nuuf kenne maqaa dhahuu qabna. Namni jiraachuu aduu dhaa mormu ammoo, dirqamatti wantoota dachii irra jiran keessaa  madda oowwaa fi ifaa waan tahe ka biro fiduu qaba.   Haa ta’u malee ifaa fi oowwi jiraachuun isaa dhugaa dha. Kunis aduu irraa akka ta’e namni hunduu ni amana. Namnummaan sifa kana waan biraatiif kennu hin jiru.

Haaluma kanaan ALLAAH, uumaan dachii fi samii, maqoolee isaa mimmiidhagaa garagaraatiin addunyaa tana ibsee jira. Wanti kunis Asmaa’ul Husnaa jedhama. Akkuma fakkenya duratti isiniif ibsee, maqaa fi sifni hanga har’aatti dhagahaa jirru kunniin, akkanumaan waan argamee miti. Yoo maqaan jiraate, dirqamatti wanti maqaa san dhuunfate jiraachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun sifni jiru tokkos abbaa ittiin waamamu qabaachuu qaba. Akkuma oowwaa fi ifni sifa aduuti jennee amannetti, Sifa Rabbiif kennametti amanuunis dirqama ta’a.

Akkuma sagantaa amma duraa keessatti isiniif ibse, Fakkeenyaaf qalamaa fi waraqaa fayyadamee, namni tokko qubee takka barreesse haa jennu. Waa’ee gochaa kanaa irraa waan heddu haasawuu dandeenya. Inni duraa namni qubee A barreesse kun, qubeen kun akka barreeffamtu fedhii waan qabuuf barreesse. Daqiiqaa muraasa dura qubeen tun waraqaa san irra hin turre. Argamuu qubee kanaatiif qaamni isa akka argamu godhe jiraachuun isaa diriqama ta’a. Namni waan tokko raawwatu ammoo fedhinnaa qabaachuu qaba. jiraachuu qubee A tiif namni fedhinnaa isaatiin barreesse jiraachuu qaba. Inni lammataa ammoo qubeen barreeffamee jiru kun, qubee namnummmaan arge barreesse osoo hin taane, qubee bareeda hiika qabuu dha. Kanaaf qaamni qubee kana barreesse beekumsa qabaachuun isaa dirqama. Nama beekumsa hin qabaneef qubee A barreessuun rakkisaa dha. Waan kana fakkeenya gabaabduun isinii haa ibsu. Mee qalamaafi waraqaa isinitti kennanii Qubee chaayinaa tokko barreessaa osoo isiniin jedhanii barreeysuu ni dandeeysuu? Abadan, tarii namoonni muraasni qubee chaayinaa baratan jiraachuun ni mala. Garuu irra hedduun keenya Qubee chaayinaa barreeysuu hin beeynu. Kanaaf beekumsi barbaachisaa taha.

Hayyee mee nama beekumsa qabutu jira haa jennu, ammas  Beekumsa fi fedhiin kophaa isaanii qubee kana barreessuu hin danda’an. Namni qubee kana barreessu humna qubee san ittiin barreessu qabaachuu qaba. Namni harkaa fi miila ofii akkasumas qaama ofii sochoosuu hin dandeenye, qubee kana barreessuu hin danda’u. Qaamni qubee kana barreessus nama lubbuun jiru ta’uu qaba. kan lubbuun jiru qofatu, fedhii, beekumsa fi humna qabaatuu danda’a. akkuma amma dura dubbanne, Qalamaa fi waraqaa osoo waggaa miiliyanaaf wal cinaa  keennee, Abadan qubeen A barreeffamuu hin danda’u. Kana jechuun jiraachuu qube A tiif qaamni lubbuu qabu kan isa barreesse akka jiru agarsiisa. Inni kunis BARREESSAA jedhama.

Qubeen A kun akka tasaa barreeffame jennee yoo kan amannu taate, dirqamatti amaloota afran amma isiniif dhiheesse kana qalamaaf kennuu qabna. Qalamni kun lubbuu, fedhinnaa, humnaa fi beekumsa qaba jennee murteessuu qabna. Dubbii hin fakkaanneen, Qalamni kun Hayyuudha, fedhii mataa isaa qaba, humna jabaa qaba akkasumas lubbuudhaan jira jennee of sobuu qabna. Sababni isaa, Maqaa fi Amalli wal fakkaatuu waan qabuuf.  Maqaa fi Sifaatni qaamni isaan dhuunfatu osoo hin jirre, akkanumaan argamuu hin danda’an. Haala kanaan fedhii, beekumsa, humna, qaruutummaa, fi amaloota heddu qalama kanaaf kennuun dirqama ta’a. kun ammoo gowwummaa biras dabree wollaalummaa daangaa dabre.

Haaluma wal fakkaatuun addunyaan tunis akkuma Qubee kanaa fi kitaabaa jirti. Addunyaan tun Rabbiin hin uumamne jedhee namni yaadu, dirqamatti Maqaa fi sifa jiru cufa isaatuu wantoota akka Atamii, akka tasaa, akka carraa jedhamanitti maxxansuu qabna. Maqaan akkanaa kunis isaaniif sadarkaa  Gooftummaa kennuu qaba. Namni qalbiin isaa hoongawee, jiraachuu Rabbii fudhatuu dadhabe, amaloota kanniin cufa isaaniituu seeliidhaaf ykn ammoo Atamiidhaaf kennuu qaba. Mee dhimma kana fakkeenya biraatiin haa ilaallu.

Yeroo hunda duumessa ni argina. Duumessa kana irraa Rooba arganna. Wantoota Rooba keessa jiran xiinxallinee ilaallee beeknaa? Mee maqaa fi Amaloota roobaan walqabatan haa ilaallu.

Roobni bakka hin jirree argame. Wanta hin jirre ammoo qaamni argamsiisu jiraachuu qaba. Qaamni waan san argamsiisu ammoo fedhii argamsiisuu qabaachuu qaba. Haala kanaan roobni duraan bakka san hin turre FEDHINNAA qaama wahiitiin argamuu danda’e jechuu dha. Osoo roobni sun Rabbiin uumame kan jedhu fidhatuun nutti ulfaateeyyuu, roobni sun fedhii isaatiin roobe jechuu qabna

Wanti rooba jedhamee gara lafaa bu’u kun duumessarraa argama. Eega duumessa irra Elamantoonni lama walitti dabalamaniin booda roobni gad bu’a. Kanaaf roobni ykn ammoo bishaan argamuudhaaf atamiin Haaydroojiinii lamaa fi Oksijiiniin tokko walitti makamuu qabu. Atamoota elamantii kanniinii akkaataa barbaadamuun walitti makuudhaaf BEEKUMSI barbaachisaa dha. Kanaaf qaamni rooba kana argamsiisu beekumsa qabaachuun isaa dirqama.

Roobni faaydaa heddu qaba. Waanuma faaydaan maletti samii irraa gad dhangalaafamee miti. Humna qabaachuun qofti rooba uumuudhaaf gahaa miti. Qaamni rooba argamsiisu sunis ogeeysa jabaa ta’uu qaba. Ogummaan malee yoo roobsise, Asiida roobsuu danda’a. Rooba elamantoota garagaraa irraa walitti fiduun, faaydaalee garagaraaf oolchuun ogummaa barbaada. Qaamni OGUMMAA hin qabne ammoo haaluma kamiinuu rooba copha takkaallee gad buusuu hin danda’u.

Roobni rahmata. Dachii goggodde jiisa. Lafa gubatte qabbanneessa. Beeylada dheebote dheebuu baasa. Biqiltoota du’an lubbuu itti deebisa. Kanaaf Qaamni RAHMATA hin qabne haala kamiinuu rooba faaydaa kana hunda qabu gad buusuu hin danda’u.

Amaloota amma armaan olitti isiniif ibse kana qabaachuudhaaf, qaamni sun LUBBUUN jiraachuu qaba. Wanti lubbuu hin qabne ammoo, Fedhiinnaa, beekumsa, humna, ogummaa, rahmata, dandeettii waa arguu fi kan biraatis qabaatuu hin danda’u.  Kana malee sifa heddu tarreessuun ni danda’ama. Ammaaf garuu tanumarratti haa dhaabnu. Kanatti aansuudhaan qaama amaloota amma tarreessine kana qabu barbaaduun dirqama ta’a. Qaama amaloota kanniin cufa isaanii walbira qabutu rooba kana nuuf kennuu danda’a.

Nuti qaamni amaloota tarreessine kanaafi kan birootis kan qabu, akkasumas rahmataa fi fedhii isaatiin kan rooba nuuf kenne, Rabbii ol aane jennee amanna. Abadan qaamni biraa, ykn ammoo mudannoon biraa rooba copha takkaalee nuuf argamsiisuu hin danda’u.  Rabbi qofatu waan hin jirre tokko irraa fedhinnaa isaatiin argamsiisuu danda’a. Namni Rabbi hin jiru jedhee amanu, akkasumas roobni kun akka tasaa uumame jedhu ammoo, amala waa kalaquu kanaa dirqamatti qaama tokkoof kennuu qaba. Gochi tokko yoo jiraate, dirqama qaamni gocha san raawwates jiraachuu qaba.

Kanaafuu ilmi namaa filmaata lama qofa qabaata. Inni duraa Rabbi sifa amma isiniif tarreesse kana qaba. Isatu rooba bakka hin jirree argamsiise jedhee amanuu dha. Yoo kana didee, rooba duumessatu nuuf kenne kan jedhuu ammoo, amala tarreessine sanniin cufayyuu duumessaaf kennuu qaba. Duumessi lubbuu qaba, ni arga, rahmata qaba, humna qaba, arguu danda’a, ogeessa”¦ jedhaa sifa heddu duumessaaf kennuun dirqama itti ta’a. ykn ammoo Wanti akka tasaa jedhamu, lubbuu qaba, ijaan arga, fedhii mataa isaa qaba, dandeettii qaba, ogeessaa”¦ jedhee amala kana qaama akka tasaa jedhamu saniif kennuu qaba.

Dachiin tun Jiidha Roobarraa argamuun jiraatte. Bishaan roobaatiin dachiin goggoyde jiite. Dachii jiiterraa biqiltoonni magarte. Biqiltoota magarteen lubbuun bineeldotaafii bineensotaa jiraatte. Nullee sanuma jala jirra. Biqiltootaafii bineeldotarraa soorannee ittiin qananiina. Midhaan bilcheessinee nyaachuu dandneennu Rahmata Rabbii Abdannee biyyee keessatti facaafnee, biyyee irra dachaafnee biraa galla. Rahmata Rabbiitiin Roobni itti roobee midhaan sun dacha hedduun nuu heddummaata. Yoom laakkofnee fixuu dandeenya Rahmata Rabbii keennaa, ALHAMDULILLAAHI RABBIL AALAMIIN jennee waan humna teenyaatiin isa faarfanna.

 

2 Comments

  1. miidiyaan NH onnee na seenee jira.
    ✅sagantaalee osoo nuf dabaltanii jedhee yaadu :
    1. sagantaa qur’aanaa barsiisuu
    2. sagantaa gaafii fi deebisaa
    3. sagantaa seenaa namoota beekamoo muslimaa fi kkf.
    dabalataan viidiyoo keessan YouTube gubbaa nuf kaayaa buufnee hawaasa baadiyyaa jiraatu biraan gahuu akka dandeenyu.
    galatoomaa.

  2. Aslamuualekuum waraahamaatullahi wobaarakaatuuhuu.

    ALHMDULILLAAH RABBIL ALAMIN!

Back to top button