header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mariin dhimma hidha laga Abbaay irratti geggeeffamaa jiru danqaa keessa galuu gabaafame

Ministeeronni haajaa alaa fi Ministeeronni Bishaanii Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan, dhimma hidha laga Abbaay irratti marii marsaa 5ffaa Washington DC keessatti kan geggessaa jiran yoo tahu, wal gahiin marsaa kanaa mariiwwan hanga ammaa geggeessaa turaniin wali galtee irra gahuudhaaf qabxiilee danqaa tahan adda baasuu irratti kan xiyyeeffate tahuu ibsame. Marii marsaa 4ffaa dhiheenya geggeeffamee tureen Ityoophiyaan hidhi laga Abbaay yeroo waggaa 6 hanga 7 keessatti Bishaaniin haa guutamu jettus, Masri ammoo waggaa 21 keessatti tahuu qaba jechuu isiitiin walii galtee malee xumurame.

Kanuma hordofuun biyyoonni sadeen ofii isaaniitii walii galtee irra gahuu wanta dadhabbaniif, akkaataa sirnya adeemsa marii (Declaration of Principle) bara 2015 Khaartuuitti walii mallatteessaniitiin, qaama jaarsummaa isaaniif taa’u barbaadutti kan seenan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Gama biraatiin ammoo Ameerikaan mariiwwan kanaan duraa irratti taajjjabbiidhaan kan hirmaataa turte yoo tahu, amma ammoo kallattidhaan biyyoota sadeen jiddutti jaarsummaa tahuudhaaf fedhii kan qabdu tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haaluma kanaan Prezdaant Traamp guyyaa hardhaa Ministeerota haajaa alaa fi Ministeerota Bishaanii biyyoota sadeenii waliin kan mari’ate tahuunis beekamee jira.

Masri kanaan duras Ameerikaan biyyoota sadeen jidduu kallattiin jaarsummaa akka teettu yaada kan dhiheessite tahus, Ityoophiyaan ammoo ni didde. Gama biraatiin ammoo muummichi ministeera Dr. Abiy Ahmad torbee dabre mootummaan Afrikaa Kibbaa biyyoota sadeen jidduu jaarsummaa akka taa’uuf gaaffii dhiheessuu isaa miidiyaaleen gaabasaa turan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button