header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mariin dhimma Hidha laga Abbaay irratti Marsaa 4ffaaf geggeeffame xumuramuu gabaafame

Itoophiyaa, Masri f Suudan dhimma bishaan hidha laga Abbaay irratti marii marsaa 4ffaa guyyaa kaleessaa irraa kaasee magaalaa Finfinneetti kan geggeessaa turan yoo tahu, mariin guyyaa har’a xumuramuun gabaafame.

Marii kana irratti, ministeeronni bishaanii fi ogeeyyoonni biyyoota sadeenii kan hirmaataniif , akkasumas mariin kun dhimma guutinsa bishaanii fi gadhiifama bishaanii irratti kan xiyyeeffate tahuu EBC’n gabaase.

Haluuma kanaan biyyoonni sadeen marii ammaa kana irratti, dhimmoota muraasa irratti waliigaltee irra ga’uu Isaaniif, marii itti anu immoo sadaasaa 22-23 magaalaa Kaayirootti geggeessuuf kan waliigalan tahuu odeeyfannoon kun ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button