header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mariin Koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa sababa Prezdaantii Majliisaatiin osoo hin geggeeffamin kan hafe tahuu beekame

korri Koreen Jijjiirama Dhaabbilee Hawaasa Muslimaa miseensa 9 qabu bitootessa 21/2011tti geggeessuuf ture, dhibbaa hoggantoota majliisa seeraa alaatiin, akkasumas muummichi ministeeraa guyyaa sanitti argamu hin danda’u jechuu isaatiin  osoo hin geggeeffamin hafuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Ammas dhiimma kana irratti marii geggeessuuf koreen kun wal gahii kan yaamee ture yoo ta’u, miseensota koree kanaa jidduu kan ta’e Prezdaantiin Majliisaa Haaj Muhammad Amiin Jamaal marii kana irratti osoo hin argamiin kan hafe tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

 

Haaj Muhammad Amiin kanaan duras yeroo adda addaatti wal gahii koreen kun murtii dabarsuuf waamu irratti, bakka bu’ummaa kiyya Muftii Haaj Umariif kenne jira jechuun kan hafaa ture akka taheefi, eega koreen murtii dabarse booda ammoo murtii sirrii miti jechuun hojii koree Kanaa gufachisaa jiraatuu maddeen nuuf gabaasan.

 

Gama biraatiin ammoo hawaasni muslimaa shira hoggantoonni majliisaa xaxaa jiran kana kan balaaleffataa jiru yoo tahu, jum’aa dabre ifatti majliisni seeraan alaa kun akka ka’u jechuun waamichi kan dhihaate tahuu gabasuun keenna ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button