Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Jum’aa har’aa wixinee dambii seera filannoo raawwachiisuuf dhihaate irratti, paartiilee mormitootaa waliin marii jalqabee kan ture tahus, paartiileen siyaasaa “labsiin seera filannoo osoo hin raggaasifamin dura, wixinee isaa irratti yaadni paartiileen morkattootaa kennan osoo itti hin dabalamin raggaasifamuun sirrii miti” sababa jedhuun maricha addaan kutanii kan bahan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Paartiileen Siyaasaa kunniin, “Wixinee dambii seera filannoo raawwachiisuuf dhihaate kana irratti mari’achuun duratti, gaaffilee labsii seera filannoo irratti dhiheeffannee turreef deebisaa argachuu qabna” jedhan.
Walitti qabduun Boordii Filannoo biyyaalessaa aadde Burtukaan Miidhagsaa gama isiitiin, “labsichi mana maree bakka bu’oota ummaataatiin kan ragga’e waan ta’eef, gaaffiin Paartiileen dhiheessan Boordii Filannoo hin ilaallatu” jechuu isii odeeyfannoon argame ni addeessa. Adde Burtukaan itti dabaluudhaanis Dambii labsicha raawwachiisu baasuu fi hoji irra oolchuun waan barbaachisuuf, Paartiileen siyaasaa akka abbaa dhimmaatti wixinee dambii kana irratti yaada kennuu qabdan jechuun gaafatte.
Haa ta’u malee Paartiileen siyyaasaa “yaadni kana dura kennine tokkollee labsicha keessatti dabalamee waan hin dhiyaatiniif, ammas dambii raawwii kana irratti yaadni kenninu fudhatama argata jennee hin amannu; kanaafuu yaada irratti hin kenninu’ jechuu isaanii odeeyfannoon ni mul’isa.
Sababa kanaan mariin guyyaa walakkaaf yaamamee ture, walii galtee malee kan addaan cite tahuun beekamee jira.
Aadde Burtukaan fi Hoggantoonni Boordichaa, paartiileen siyaasaa waltajjii marii yeroo biraa qophaa’u irratti argamuun, gaaffii qaban barreeffamaan akka dhiheeffatan gaafatanii jiru. Hoggantoonni Boordichaa Itti dabaluudhaanis, “Wixineen dambii raawwii seera filannoo kun paartiileen irratti mari’atanis, mari’atuu dhiisanis ragga’uun isaa kan hin oollee waan ta’eef, malkaa’ina adeemsaa siyaasaatiif jecha garuu osoo mari’atanii ni filatama” jechuu isaanii FBC’n gabaase.
Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…
Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…
Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…
Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…
Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…
ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…