header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Markazni Mujama al Islaam barattoota Qur’aanaa 100 eebbisiise

 

Markazni Mujama al Islaam kan magaalaa Dirree Dhawaatti argamu barattoota qur’aanaa 100 kan eebbisiise tahuun beekame. Barattoota hifzii qur’aanaatiin eebbifaman jidduu barataan Umriin isaa 10 tahe fi kan magaalaa Qobboo irraa dhufe Eeyman Sheekh Muhammad barnoota waliigalaatiinis qabxii ol’aanaa fiduun dinqiisifannaa guddaa kan argate tahuu gabaasni kun ni ibsa.

Markazni kun Ustaaz Abdullaahii Ahmad Umariin kan hoogganamu yoo tahu, Sagantaa eebbaa kana irratti jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa fi keessummoonni birootis argamanii jiru. Ulamaa’ota sirna eebbaa kana irratti argaman jidduu Sheekh Hasan fi Sheekh Abdallaa Daawud magaalaa Hirnaa irraa Dirree Dhawaa dhaquun hirmaatanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button