header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Masjida dhihoo magaalaa Adaamaatti gareewwan jibba Islaamummaa leellisaniin diigame ijaaruuf mariin geggeeffame

Torbee dabre keessa masjidni magaalaa Adaamaa ganda 01 iddoo dhalattoonni Oromoo naannoo Soomaalee irraa buqqifaman itti qubsiifamanitti argamu, gareewwan jibba Islamummaa leellisaniin diigamuu gabaasnee turre.

Masjida kana hawaasni Muslimaa magaalaa Adaamaa deebisee ijaaruuf guyyaa har’aa marii kan geggeesse yoo tahu, marii kana irratti Koree dhimma kana irratti hojjatu hundeessuu gabaafame.

Koreen hundeeffame kuniis karaa Masjida kanaaf hawaasni Muslimaa deeggarsa ittiin godhu yeroo gabaabaa keessatti kan beeksisu tahuun ifoome.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button