header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Masjidni Taqwaa magaalaa Finfinnee naannawa Betheel tti argamu cufame

Tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayiras kan addunyaa irratti lubbuu nama hedduu galaafataa jiruu fi saffisa hamaan wal gahaa jiru to’achuuf Masjidni Taqwaa naannawa Betheel kan magaalaa Finfinneetti argamu guyyaa har’aa irraa kaasee akka cufamu murteeffame.

Imaama Masjida Betheel fi gorsaa seeraa Koree Furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa kan tahe Ustaaz Kaamil Shamsuu, Khuxbaa arra godhe irratti miidhaa dhibeen Koroonaa Vaayiras guutuu addunyaa irra geessisaa jiru kaasun, Fayyaa hawaasa Muslimaa fi nageenya hawaasa Muslimaa eeguuf jecha Masjidni Taqwaa Jum’aa har’aa irraa akka cufamuuf kan murteeffame tahuu ibse. Itti dabaluunis hawaasni Muslimaa naannichaa mana isaa fi idduma jirutti akka Salaatu dubbate.

Ustaaz Kaamil Shamsuu ‘Balaa kana hatattamaan akka Rabbi nurraa kaasu kadhaa’ jechuunis ummatichaaf dhaamsa dabarse.

Sababa dhibee kanaatif mootummaanis ibsa har’a baaseen dhaabbilee amantaa fi iddoowwan akka gabayaa namoonni hedduun itti argaman irratti tarkaanfii kan fudhatu tahuu ibse. Walgahii namootaa hordofee osoo mootummaan gama tarkaanfiitti hin seenin hawaasni akka ofiin qajeelfamoota bahe hojjiirra oolchuus akeekkachiise.

Masjidoota kabajamoo lamaan Masjidal Haraam fi Masjida Nabawii dabalatee kutaalee addunyaa gara garaatti tatamsaa’a dhibee kanaa to’achuuf Masjidoonni hedduun cufamanii jiran.

Fatwaa Ulamaa addunyaa irraa kenname irratti hundaa’uun torbaan dabre irraa kaasee, biyyoota gara garaatti Salaanni Jum’aa fi Jam’aa dhaabbatuu odeyfannoon ni addeessa.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button