Masjiidal Aqsaa Kutaa 2ffaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Seenaa kana dubbisuu eegaluu keetiin duratti, seenaa kutaa1ffaa dubbisuu kee mirkaneeyfadhu! Kutaa dabre keessatti waa’ee ijaarsa Masjiidal Aqsaa gabaabinaan ilaallee jira. Naannoon Masjiidaa kun jalqaba Nabiyyallaahi Suleeymaaniin (AS) kan ijaarame ta’us, awaamman Impaayera Roomaa fincila yahuudaan magaalaa Al Quds keessa jirtu kaaste sababa godhachuun, beeytal Maqdasiin guutumaan guututti diigan. Itti aansuunis naannoo san naannoo balfi itti gatamu godhan. Bara umar ibnu Khaxxab (RA) Magaalaan tunii fi Naannoon shaam harka muslimootaa eega seeneen booda, Amiirri Mu’mintootaa Umar ibnu kaxxaab haarayatti deebisee ijaare.  Kana booda Amiironnii fi bulchitoonni Isa boodaan dhufanis Magaalaa tanaaf kunuunsa gaarii godhaa turan. Bara mootummaa Umaawiyyaatis Masjiidal aqsaan haaroomsi garagaraa godhameefii, hawaasa muslimaatiif tajaajila guddaa kennaa ture. Dabalataanis masjiidassakhraan  ijaaramee jira. Mootummaan Umaawiyyaa eega mootummaa Abbaasiyyaatiin jijjiiramee booda, Magaalaan Al Quds heddus xiyyeeffannaa hin arganne. arra ammoo In shaa Allaah, mudannoo Mootummaa Abbaasiyyaa booda mudate gabaabinaan ilaalla.

Mootummaa Abbaasiyyaa fii Masjiid Al Aqsaa

Mootummaan Abbaasiyyaa eega yeroo muraasaa ummata muslimaa bulchee booda, fincilli garagaraa itti ka’e. Gama tokkoon waraanni Mongool gara bahaatiin mootummaa Abbaasiyyaa laaffise.  Biyya Keessaa ammoo gareewwan akka Faaximiyyaa mootummaa Abaasiyyaatiif dhukkuba ta’an. Bara 970 Akka lakkoofsa miilaadiyaatti,  loltoonni Faaximiyyaa naannawa magaalaa Ramlaah cinatti, mootummaa Abbaasiyyaa moohachuudhaan Naannooo san too’annaa ofii jala oolchan. Faaximiyyoonni Ka’uumsi isaanii biyya Misraa yoo ta’u, Aqiidaan isaaniits Aqiidaa Shi’aa ture.

Gaafa Masjiidal Aqsaan ijaaramerraa kaasee, ulamaa’onni heddu masjiida kana keessatti muslimoota qaraasisaa turan.  Haa ta’u malee gaafa Mootummaan Faaximiyyaa aangoo qabate booda dubbiin ni jijjiiramte. Muslimoota jiddutti qoqqoodamiinsi daran babal’achaa dhufe. Baruumsi duraan kennamaa tures akka dhaabbatu godhame. Baruumsi hundi Baruumsa haarawa kan aqiidaa  Shi’aatiin bakka buufame. Ulamaa’onni hundi qaraatii duraan qaraasisaa turan akka dhaaban godhame. Muslimoonnis ilmii barbaaduuf gara magaalaa Al Quds imaluu dhiisan. Bara 996tti ammoo dubbiin daranuu hammaatte. Hoogganaa faaximiyyaa kan ta’e al haakim seera garagaraa baasuu jalqabe. Waan ergamaan Rabbii ﷺ barsiisan heddu ni jijjiire. Yeroo khuxbaa irratti Bakka maqaa Rabbii maqaan isaa akkaa waamamu godhe. Soomanaa fi Hajjiis ni dhoorke. Haala kanaan islaamummaan magaalatti keessatti laaffataa dhufte. Osoma mootummaan Faaximiyyaa aangoo irra jiru, sosochiin lafaa guddaan magaalattii keessatti mudate. Masjiidal Aqsaanis ni miidhame. Miidhama kana booda Masjiidichaaf haaromsa addaattu godhame. Mootummoonni Umaawiyyaa seensa gara barandaa Masjiidichaa nama geessu 14 godhanii ijaaranii turan. Mootummoonni Faaximiyyaa garuu walakkaan xiqqeessanii 7 godhan. Masjiidni arra jirus guutumaan guututti kan mootummaan Faaximiyyaa ijaareen wal fakkaata.

Kana booda Waraanni ummata muslimaa jiddutti godhamus daran jabaatee itti fufe. Itti aansuudhaan gareen Seeljuk Turk jedhamu eeshiyaa jiddu galeessa irraa ka’ee gara Al Quds imale. Seeljuukonni Aqiidaa Sunnaa waan hordofaniif, mootummaa Faaximiyyaa waliin waraana eegalan. waraana dheeraa boodaan bara 1073 (kuma tokkoof torbaatamii sadihitti) mootummaan Faaaximiyyaa moohamee, Seeljuukonni aangoo qabatan. Yeroo kanatti magaalaan AL QUDS bareedina duraanii san deebistee argatuu jalqabde. Baruumsi islaamummaa bal’inaan kennamuu jalqabe. Barattootni ilmii barbaadanii fi hayyoonni ilmii barsiisanis gara magaalatti godaanuu jalqaban. Haalli kun garuu yeroo dheeraaf itti fufuu hin dandeenye.

 

Bara 1095tti mootii Impaayira Bizaantaayin kan ta’e Aleksiyoos, gara Phaaphaasii Rooma Yurbaan 2ffaatti xalayaa na gargaaraa jettu erge. Sulula Anaatooliyaa keessatti mootummaa Seeljuk Turk waliin waraanarra waan jiruuf, humna dabalataa naaf ergaa jedhee gaafate. Phaaphaasichi yaada biraa qaba. Dachii qulqulluu Al Quds qabachuun gara lafa Kiristaanaa jijjiiruu barbaade. Sababa kanaaf loltoota heddu gara baha jiddu galeessaa erge. Kunis Waraana Masqalaa ykn kiruusaadars jedhamuun beekkama. Magaalaan Al Quds jidduu lafa muslimaa keessatti argamtus, weerara waraana Masqalaa jalaa ooluu hin dandeenye. Ummanni muslimaa gosaa fi firqaan wal qoqqodee wal waraanutti jira. Yeroo Waraanni Masqalaa Awurooppaa irraa ka’ee gara Al Quds imalu kana, ummataa fi mootummaa muslimaa heddu keessaan darbuun dirqama ture. Haa ta’u malee hawaasni muslimaa ofumaa gama hundaa waraana waal walirratti waan baneef, waraanni masqalaa cinqaa takka malee gara magaalaa AL QUDS imala eegale. Magaalaan Al Quds ammoo rakkoo biraa keessa jirti. Mootummonni Faaximiyyaa eega moohamanii boodas callisanii hin teenye. aangoo harka isaaniitii bahe deebifachuudhaaf Seeljukota waliin waraana eegalan. Xumura irratti Faaximiyyoonni Seeljuukota moohatanii ammas aangoo qabatan. Yeroo kanatti waraanni muslimaa hundi laaffatee jira. Muslimoonni humna isaanii wal waraanuurratti fixanii jiru. Haalli kun waraana masqalaatiif carraa gaarii ture. Waraanni Masqalaa yeroma gabaabduu keessatti magaalaa Al Quds toohachuu dandahe. Haala kanaan  bara 1099tti Magaalaan Al Quds harka kiristaaotaa seente.  Waraanni Masqalaatis kaayyoo addaatiin dhufe. Kaayyoon waraana Masqalaa Muslimoota magaalaa AL QUDS keessaa baasuudha. Waraanni masqalaa eega aangoo qabatee booda nama tokkollee hin hiine. Seera haaraya baasee muslimoota hunda shororkeesse. Seerri waraanni masqalaa baases, Muslimoonni hundi ni ajjeefamu jedha. Muslimoonni oduu tana dhageenyaan magaalaa Al Quds dhiisanii baqachuu eegalan. Muslimoonni Muraasni ammoo Masjiidal Aqsaa keessa seenanii dhokatan. Achi booda waraanni masqalaa masjiidal aqasaa seenee, muslimoota achi keessatti dhokatan hunda qalee fixe. Ajjeechaa kanaanis Muslimoonni kumaatamaan laakkawaman lubbuu dhabanii jiru. Masjiidal Aqsaan dhiigaan guutame. Qaamni muslimootaa bakka hundatti kukkutamee gatame. Waraanni masqalaa hundi gammachuun burraaquu eegalan. Gammachuu isaanii kanas kitaabban isaanii keessatti barreessanii jiran. Galmee isaanii kana keessatti, muslimoota qaqqallee, dhiigni isaanii masjiida guute. Wayta masjiida keessa dhaabbannu dhiigni isaanii haga jilbaa nu gaha jedhanii barreesan. Yeroon kun muslimotaaf yeroo akkaan suukanneessaa ture. Seenaa keessattis yeroo akkaan hamaa keessatti  galmaayee jira.

 

Waraanni Masqalaa magaalaa Al Quds eega harkatti galfateen booda muslimoota magaalatti keessaa ari’ee baase. Kana booda naannoo Masjiidal Aqsaa guutumaan guututti jijjiiran. Hoogganaa jalqabaa Waraana Masqalaa ta’uun magaalattii irratti kan muudame namni Goodfireey jedhamu, masjiida Al Qasaa qubsuma isaa godhate. Masara Mootummaa akka fakkaatuufis wantoonni heddu akka jijjiiraman godhame. Wanti islaamummaa ibsu hundi  akka dhokatu godhame. Aayaatoonni Qur’aanaa kan  bantii masjiidaa irratti barreeffamanis ni dhokfamn. Bakki khuxbaan itti godhamus, dhakaan akka dhokatu godhame. Walumaa galatti manni Rabbii kabajamaan sun, qubsuma waraana Masqalaa ta’ee tajaajiluu jalqabe. Masjiidassakhraa ammoo gara Bataskaanaatti jijjiiran. Kiristaanonni Masjiidassakhraa kana masjiida Nabiyyallaah Suleeymaan ijaare itti fakkaate. Masjiidassakhraa bantii bifa warqii qabu kana Abdulmaalik bin marwaantu ijaarsise.  Kiristaanonni roomaa, Masjiidassakhraa Masjiida Nabi Suleeymaan (AS) ijaare seehanii  akkuma dura turetti dhiisanii gara bataskaanaa jijjiiran. Aayaatoota Qur’aanaa Masjiidicharratti barreeffamanis waan ofii fedhaniin jijjiiran.   Waraanni Masqalaa humna jabeeffatee magaalattii bulchuu eegale. Muslimoonni magaalattii keessaa ari’amanii jiru. Ambaasaaddaroonni Muslimaa kan biyyoota adda addaa irraa gama AL Quds dhufanis, kophaa kophatti qofa akka salaatan hayyamamaaf malee, Salaanni Jama’aa hin jiru. Magaalaa Al quds keessatti ilmii barachuufi barsiisuun hafee, baruumsa kiristaanummaa barsiisuun eegalame. Bakka hundatti fasaadni babal’ate. Masjiidal Aqsaan Masara Mootummaa waraana masqalaa tahee, Masjiidassakhraan ammoo bataskaanatti jijjiiramee jira.

 

 

Kufaatii Muslimootaatiif wanti sababaa tahe guddaan, tokkummaa dhabuudha. Muslimoonni firqaan wal qoodanii waraana walirratti banan. Waraana kanaanis humna muslimootaa laafaa dhufe. Waraanni masqalaa haala kanaan muslimoota moohachuu dandahe.  Gama birootiin muslimoonni olla magaalaa Al Qudsitti argamanis dhimma kanaaf itti gaafatamoodha. Yeroo waraanni Masqalaa isaan bira dabree gara magaalaa al Quds imalu, usanii laaluu turan. Muslimoonni gareen wal qoodanii diina walirratti laalu. Masjiidal aqsaan achi booda hoo maal mudate laata. In shaa ALLAH itti fufna…

 

 

Comments
Loading...