Masjiidal Aqsaa Kutaa 6ffaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Waraanni Masqalaa bakka Assafuuriyaa je’amtu eega qubateen booda, walmormii mootota isaanii jiddutti godhameen gara waraana Salaahaddiin imaluu murteessan. Kun garuu dogoggora guddaa ture. Aduu akkaan nama gubdu keessa, kilomeetira digdamaaf miilaan deemuun dirqama itti ta’e. xumura irratti hagni du’a irraa hafe, bakka Haxxiin je’amu qubate. Waraanni kun bishaan dhabee heddu rakkatee jira. Bishaan argachuudhaaf ammoo laga gaalilee gahuu qaba. Achi gahuudhaaf ammoo waraana Muslimaa bira dabruun dirqama ture. Kun garuu waan danda’amu hin taane. Kanaafuu achuma bakka haxxiin je’amutti qubsuma isaanii tolfatanii eegan.

Waraanni Muslimaa muraasni halkaniin qubsuma waraana masqalaa cabsee seenuudhaan, citaa fi dukkaana warri masqalaa qopheeffatanitti ibidda qabsiisan. Sababni isaatis kan ajaa’ibaati. Waraanni Masqalaa waraana mallaqa heddu qabu waan ta’eef, uffanni miseenosnni isaa uffatan hundi sibiila irraa tolfame. Helmeetiin matatti godhatan, gaachanni harkatti qabatan, akkasumas wanti laphee isaanii irraa balaa akka ittisuuf kaawatan hundi sibiila irraa tolfame. Kanaafuu ummata sibiila qofaan akkanatti of dhokse kana gubuudhaaf karaan salphaan ibidda naannoo sanitti qabsiisuudha. Haala kanaan loltoonni hedduun ibidda bobeeffame saniin heddu miidhaman. Amma waraanni masqalaa rakkina gurguddaa Sadi  keessa dabree jira. Inni duraa aduu guyyaati. Kun namoota heddu isaan jalaa fixe. Kan lammataa dheebuu bishaaniiti. Kunis loltoota heddu jalaa laaffise. Xumura irratti ibiddi isaanitti qabsiifame ammoo daran isaan laaffise. Haala kanaan hagni rakkina kanniin sadan dandamatuu danda’e, ganamaan loltoota musliimaa dura dhaabbachuun dirqama itti ta’e. ganama bariidhaan waraanni kunniin lamaan gamaa gamana dhaabbatee wal ilaaluu jalqabe. Salahaddiin Al Ayyuubiitis, waraana isaa akkana jechuun hamilee itti hore.

“Yaa loltoota islaamaa, Ummanni kun Maqaa Al Masiih Iisaatiin biyya isaanii dhiisanii gara dachii keenyaa dhufuudhaan, biyya teenya waggoota sagalataman dabraniif  Mirga isii sarbanii, rakkina hamaaf nu saaxilanii jiran. Uumata kanaafii Nabiyallaah iisaa wanti walitti fidu hin jiru. Hammeenya ummata kanaa irraa baradhaa. Ummata kanaaf takkaa rahmata hin godhinaa. Guyyaan arraa kun guyyaa isin firii gaarii itti sassaabbattan ta’uu qaba. Ummata kana hiddaan buqqifnee dachii teenyarraa dhabamsiisuu qabna. ALLAAHU AKBAR! ALLAAHU AKBAR! ALLAAHU AKBAR! Je’ee, loltootsa isaa hamilee itti guute.

Kana booda Waraanni lamaan, walitti seene, Waraanni dirree Haxxiinitti bara 1187 godhame kun muslimootaafis ta’e waraana Masqalaatiif akkaan barbaachisaa ture.  Waraanni kun saa’aa dheeraaf eega godhameen booda, waraanni masqalaa lakkoofsaan heddu ta’e ni ajjeefame, hedduun isaatis ni booji’ame. Namoota booji’amanii hidhaman keessaa ammoo mootii Al Quds kan ta’e Gaay keessatti argama. Namichi Kaa’baa diiguuf loltoota ergee ture, Raaynlodis harka muslimootaa seene. Kana booda Salaahaddiin akkuma dura Raaynlod ajjeesuuf dhaadate san, Raaynoldiin ni ajjeese. Waraanni Masqalaa hafes ni bittinnaa’e. Injifannoonis kan muslimaa ta’e. waraanni kun, salahaddiiniif Adeemsa gara Magaalaa Al Quds godhamu irratti, karaa guddaa isaa bane.

Halkan san waraanni Muslimaa injifannoo argatetti gammadaa, Salahaddiin ammoo hooggantoota waraanaa isaa waliin ta’uun adeemsa itti aanu irratti karoora baasuu jalqabe. Karoora isaa kanaanis gara Magaalaa Al Quds deemee waraana banuu hin barbaanne. Sanirra gara magaalota qarqara biyya shaamii fi Falasxiin irratti argaman imaluun isaan too’annaa jala oolchuu jalqabe. Kana jechuun, magaalaa Al Quds jidduu irratti marfamti jechuudha. Yeroo muraasa keessatti daangaa qarqara biyyoota kanniini hunda too’annaa ofii jalatti galche. Amma waraana isaa hunda gara Magaalaa Al Quds deebisee jira. Achis dhaqee magaalatti  marse….

Mootiin Al Quds hidhamee harka muslimotaa waan jiruuf, magaalaa al quds nama birootu bulchuttti jira. Namni kun loltoota gahaa hin qabu. Hanguma  jirtu walitti qabee hamilee itti godhuu yaade. Gooftaa isaatiifis sagadee, waaqni isaanii Salahaddiin jalaa akka isaan oolchu kadhatuu jalqabe. Salahaddiin ammoo hulaa magaalatti banuudhaaf haleellaa jalqabee jira.

Haleellaa guyyaa 10f magaalattii irratti raawwatameen, warri Masqalaa moohamuu isaanii waan hubataniif, lubbuu isaanii olfachuudhaaf jecha bulchaa isaanii gara Salaahaddiin ergan. Waraanni Masqalaa magaalattii bulchaa tures harka kennate. Muslimoonnis Nagayaan gara Magaalaa Al Quds seenuu danda’an.

Haalli yeroo kana mudate, haala waggaa 88 dura waraanni Masqalaa raawwateen garaagarummaa qaba. Waraanni Masqalaa yeroo magaalattii qabatee san, muslimoonni hundi akka ajjeefaman godhee ture. Amma garuu salahaddiin faallaa waan sanii dalage. Waraanni Masqalaa hundi  kafalattii gibiraa muraasa qofa kaffalaa akka bahan heeyyame. Kiristaanonni awrooppaa irraa dhufanii magaalaa al quds keessatti dhiiga muslimootaa dhangalaasaa turan, amma yeroon tan muslimootaa taanaan rakkoo takka malee nagayaan magaalattii irraa bahuu eegalan. Kiristaanota keessaa namoonni mallaqa qaban qofti yoo kafalaa magaalattii irraa bahan, namoonni harka qalleeyyii tahan ammoo waan kafalan dhabanii rakkatan.  Qeesonnii fi hooggantoonni qabeenya heddu walitti qabatan ammoo ummata kanaaf kafaluu didan. Paatriyaarkii Magaalattii kan ture namni Hiiraaqlas je’amu, warqii fi qabeenya bataskaana keessa jiru hunda gaangee heddutti fe’atee magaalaa bahe. Namoota rakkataniif saantima takkallee kafaluu dide. Ummanni kun hidhamee magaalattii keessatti hafe. Waan godhan dhabanii yeroo dachiin itti dukkanooftetti, Rabbi nama tokko isaaniif hire. Innis Salahaddiin Al Ayyuubiiti. Salahaddiin namoota harka qalleeyyii tahanii ofirraa kafaluu dadhaban sanniin hundaaf mallaqa ofii kafalee, magaalattii keessaa akka bahan godhe. Dalagaa isaa kanaanis muslimoota qofaan osoo hin taane, namoota muslima hin ta’iniinis faarfamuu jalqabe.

Seenaa Gabaabduu

Dubartii takka jalaa daa’imni hatamee, gabaa geeffamee gurgurame. Dubartiin tun waan isii mudateen rifattee manuma teessee booyaa turte. Kana booda namoonni arjummaa Salahaddiin dhagayan itti dhaqanii, gara Salahaddiin deemii rakkina kee itti himadhu. Inni furmaata siif kenna je’aniin. Isiniinis salahaddiinitti dhayxee boochee rakkina ofii himatte. Salahaddiinis loltoota isaa magaalattii keessa facaasuun daa’ima isii barbaadanii akka fidan ajaja dabarsee. Ifiifis daa’ima barbaaduu magaalattii keessa naannayuu eegale. Booda irratti haati ilmoo isii argattee gammadde. Kana booda “Yaa Sulxaan osoo hooggantoonni keenya hundi akka kee kana nuuf tahanii maal qaba?” jettee, gargaarsa inni godheef galata galchitee daa’ima ofii fudhattee deemte. Islaamummaan amala akkanaa nama barsiisti. Namni islaamummaa qabu, haalaa amalli isaa hundi tolaadha. Kanaaf Salaahaddiin Al Ayyuubitis, Muslimoota qofaan osoo hin taane, warra Muslima hin ta’iniinis faarfamuu danda’e.

Salahaddiin Al Ayyuubii, loltuu waraana Kurdii kan ture, amma hoogganaa Muslimoota hundaa ta’ee jira. Masr irraa kaasee dachii haga Iiraq jirus isatu bulcha. Magaala Al Qudsii fi masjiida Al Aqsaatis waggaa 88f eega harka waraana Masqalaa keessa turaniin booda bilisoomsee jira. Kaayyoon hoogganaa isaa Nuuraddiin Mahmuud Zankiitis bikka gahee jira. Masqalaa fi wantoonni waraanni Masqalaa Masjiidal Aqsaa keessa kaayes ni qulqulleeffame. Masjiidal aqsaan waggoota 88f kiristaanota harka tureas harka muslimootaatti deebi’ee jira. Minbarri waggaa 20 dura Nuuraddiin Mahmuud Zankiitiin, Magaalaa Dimashq keessatti ijaaramee ture. Amma Masjiidal Aqsaa keessa seensifamee, Namni Muhiddiin ibn Zakiy je’amu yeroo duraatif Minbara kana gubbaa dhaabbachuudhaan waggaa 88 booda kuxbaa addaa fi tan jalqabaa godhe. Salahaddiinii fi muslimoonni Magaalattii harkatti galfatanis, khuxbaa kana gammachuudhaan taa’anii dhaggeeyfatan.

Waraanni Masqalaa Magaalattii keessaa ari’ame eessa dhaqe laata? Gara Magaalaa Al Quds deebi’anii qabachuudhaaf wanti yaadan jiraa laata? Salahaddiin hoo Magaalaattii akkamitti bulcha? Salahaddiin Magaalaa tana yeroo hagamiif bulche? In shaa Allaah Mudannoo kana booda mudate ammoo qophii itti aanu keessatti itti deebina. Hagasiif hundi keenya bakkuma jirrutti, Masjiidal Aqsaa ammaan tana harka muslimotaa jiruu fi waraana mootummaa Yahuudaa irraa dhiibbaan itti godhamaa jiru kanaaf du’aa’ii haa goonu jechaa qophii arraa xumurra.

 

Comments
Loading...