header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Masjiidni Adaamaa ganda 01 keessatti argamu gareewwan jibbaa Islamummaa leellisaniin diigame

Hiriira mormii godinaalee Oromiyaa keessatti guyyoota lamaan dabran geggeeffamaa ture hordofuun, gareewwan jibbaa Islaamummaa leellisan magaalota Oromiyaa heddu keessatti jeequmsa amantaa kaasuuf yaalaa turan. Haaluma kanaan Adaamaa ganda 01 keessatti Masjiida dhalattoonni Oromoo naannoo Somalee irraa buqqifamanii turan ijaaratan, gareewwan jibbaa islaamummaa qaban itti boba’aanii akka diiganii fi lubbuu namaattis galaafatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Akka namni iddoo gochi kun itti raawwatame dhaquun ilaale nuuf himetti:

“Gochi kun kan raawwatame guyyaa kaleessaa waaree booda naannawa 8:00tti yoo tahu, gareewwan kun Gajaraa, qottoo fi meeshaalee qara qabu heddu qabatanii dhufuun, masjiida fi manneen buqqaatotaa diigan; akkasumas lubbuu namaatis galaafatanii jiru”Jechuun nuuf hime.

Namoonni gocha kana raawwatan kunniin Qur’aanaa fi kitaabota akkasumas qabeenya masjiidicha keessa ture baasanii lafatti irra deemuun kan guban tahuu beekamee jira.

2 Comments

  1. Islaamummaan eennu qabdi laata❓❓
    Zamana kana keeysatti masjida dhiisii osoo Ka’aabaan diigamte jedhanii namni rifatu nama muraasa qofa!!!
    Islaamummaan jiddutti miidhamàa jirtu tun garaa is in has nyaattu…!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button