header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Masjiidni Magaalaa Finfinnee keessatti diigamee ture akka deebifamee ijaaramu ajajame

Masjiidni Umar kan magaalaa Finfinnee naannawa Boolee aanaa Arraabsaatti argamu waggaa tokkoo ol hawaasa muslimaa naannawa san jiraatuuf tajaajila kennaa kan ture tahus, Kaartaa fi plaaniin masjiidichaa mootummaa Federaalaa irraa akka kennamuuf gaafatamee beellama  eeggataa ture. Haa ta’u malee haala adeemsa seeraa cabseen guyyaa kaleessaa xalayaa bulchiinsa irraa barreefameen diigame.

 

Gochi kun hawaasa muslimaa kan mufachiise yoo tahu, guyyaa hardhaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee Obbo Taakkalaa Uumaa dabalatee koreen furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa fi qondaaltonni mootummaa iddoo masjiidni irraa diigametti argamuun daawwatanii jiran. Haaluma kanaan tarkaanfiin fudhatame seeraan ala tahuu ibsuun iddoma sanitti masjiidichi akka deebifamee ijaaramu kan ajajame tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button