header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Masri biyyoota Afrikaa 14 keessatti wal’dhaansa dhibee tiruu kennuuf kan qophaayaa jirtu tahuu ibsite

Korri dhibee Tiruu irratti mari’atu Ugaandaa magaalaa Kaampaalaa keessatti kan geggeeffamaa jiru yoo tahu, Ministeerri Fayyaa Masri Dr. Halaa Zaayid kora kana irratti haasaya gooteen, biyyi isii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa WHO waliin ta’uun Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 14 kanneen dhibeen tiruu gosa Hepatitis C jedhamu baay’innaan keessatti babal’ateef wal’dhaansa bilisaa kennuuf qophii tahuu ibsite.

Dr Halaan akka ibsitetti, duula biyyoota Afrikaa 14 keessatti ji’a sadiif geggeeffamu kanaan, deeggarsa teeknikaa, Softweerii dhibee kana adda baasuuf gargaaru dhiheessuu, qorannoo dhibee tiruu Hepatitis C geggeessuu fi lammiilee biyyoota kanneenii miiliyoona tokkoof dawaa fi yaala bilisaa kennuuf kan karoorfame tahuu himte.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gama isaatiin, murtii Masri kana galateefachuun dhaabbatichi mootummaa Masri waliin duula dhibee tiruu irratti godhamu kana irratti kan hirmaatu tahuu beeksise.

 

Biyyoota deeggarsa addaa kanaaf filataman jidduu Buruundii, DRC-Koongoo, Ikwatooriyaal Giinii, Eertiraa, Ityoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Suudaan Kibbaa, Taanzaaniyaa fi Ugaandaan keessatti argamu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti, Afrikaa keessatti, waggaatti namoonni kuma 200 ol ta’an rakkoolee dhibee tiruu Hepatitis C fi Hepatitis B jedhamaniin wal qabateen lubbuun isaani kan darbu tahuu ibse.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button