header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Masri Marii Hidha Laga Abbaay guyyaa lama dura eegalame keessaa yeroodhaaf bahuu beeksiste

Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin geggeeffamu biyyoota sadeen jiddutti Wixata dabre kan eegalame yoo tahu, Ityoophiyaan haala marichaa ilaalchisee qajeelfama haaraya kan dhiheessite tahuunis beekamee jira. Kanuma hordofuun bakka bu’oonni Masri “yaada qajeelfamaa Ityoophiyaan dhiheessite kana irratti qondaaltota ol’aanoo waliin mari’anna”sababa jedhuun marii jalqabame keessa kan bahan tahuu AFP’n gabaase.
Haata’u malee Ministeerri Bishaanii, Jallisii fi Inarjii kan Ityoophiyaa Dr.Silashii Baqqalaa Fuula Twitter isaa irratti marii dhimmi hidha laga Abbaay kan itti fufe tahuu eeruun “Ityoophiyaan walii galtee hidhicha bishaaniin guutuu yeroo gabaabaa keessatti mallatteessuu barbaaddi. Walii galtee guutuu irra gahuufis mariin akka itti fufu feeti”jedhe.
Gama biraatiin ammoo Suudaan yaada Ityoophiyaan dhiheessite kan hin fudhanne tahuu beeksiste. Ministeerri Bishaanii fi Jallisii Suudaan Yaasir Abbaas xalayaa ministeera dhimmi Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaatiif barreesseen “Ityoophiyaan dhimmi ammatti akka irratti mari’annu barbaaddu, dhimma hidhicha bishaaniin guutuu qofatti akka daangeffamu tahuu hubannee jirra; kun immoo qajeelfama marii kanaan duraa irra kan jijjiirame waan taheef hedduu nu yaaddessee jira; yaada kanas Suudaan hin fudhattu”jedhe.
Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa ammoo ibsa kaleessa baaseen “dhimma hidha laga Abbaay irratti walii galteen xumuraa osoo hin godhamin yeroon saffisaan xumuramaa jira; tahus biyyoonni sadeen yeroo qabanitti fayyadamuun walii galtee xumuraa irra akka gahan ni jajjabeessinaa”jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button