header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Barnootaa Barattoonni Qabxii isaanii irratti hundaa’uun Filannoo ramaddii Yunivarsitii kan sirreeffachuu danda’an tahuu beeksise

Ministeerri saayinsii fi barnoota olaanaa ramaddiin barattoota bara kanatti Yunivarsitii seenan, damee barnoota Saayiinsii uumamaa, damee barnoota Saayiinsii hawaasaa fi damee barsisummaan kan keennamu tahuu ibsuun, barattoonni Filannoo Yunivarsitii itti ramadaman akka fedhii isaaniitti sirreeffachuu yoo barbaadan qabxii isaanii irratti hundaa’uun kan sirreeffachuu danda’an tahuu beeksise.

Dabalataanis Jijjirraa damee barnootaa ilaalchisee, barattoonni damee Barnoota Saayiinsii uumamaa irra gara Saayiinsii hawaasaatti jijjirrachuu kan danda’an tahuu fi kana godhuuf immoo qabxii seensa Yunivarsitii kan damee barnoota saayiinsii uumamaaf kaayame yoo qabaatan qofa tahuu ministeerichi ibse.

Akkasumas damee barnoota barsisummaa ilaalchisee barattoonni damee Saayiinsii uumamaa, damee barsisummaa kan saayiinsii uumaamaatti, barattoonni damee barnoota hawaasaa immoo damee barsisummaa Saayiinsii hawaasaa qofatti kan jijjirachuu danda’aan tahuus ibsame.

Damee barnootaa jijjirachuu fi ramaddii Yunivarsitii jijjirachuunis kan dandahamu, mana barumsa itti barachuu turaniitti qofa akka ta’ee fi akkasumas hanga fulbaana 12,2012 qofa kan tahuu ministeerichi beeksise jira.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button