KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 100 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa har’a baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 4,950 irratti geggeeffameen, namoota 100 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 53 fi dubartii 47 yoo ta’an, namoonni 99 lammiilee Ityoophiyaa namni tokko ammoo lammii Buruundii tahuu ibsame.
Namoota kanneen jidduu 94 jiraattota magaalaa Finfinnee, 2 naannoo Somaalee, 1 naannoo Tigiraay fi namoonni 3 ammoo jiraattota naannoo Oromiyaa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 831 kan gahe yoo ta’u, namoonni 191 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.

Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, manguddoo umurii 70 dhibee birootiif Hospitaala keessatti yaalamaa tureef qorannoo geggeeffameen vaayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe akka taheefi, haata’u malee manguddichi bu’aan qorannoo osoo hin beekamin dura du’uu beeksise. Haaluma kanaan lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 7 gahuu ibsame.

 

Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close