header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 95 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa Sabtii har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 5,034 irratti geggeeffameen, namoota 95 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 71 fi dubartii 24 yoo ta’an, namoonni 94 lammiilee Ityoophiyaa namni tokko ammoo lammii Indiyaa tahuu ibsame.
Namoota kanneen jidduu 56 jiraattota magaalaa Finfinnee, 3 naannoo Somaalee, 3 naannoo Tigiraay, 1 naannoo Affaar, 5 naannoo Amaaraa, namoonni 3 naannoo Hararii akkasumas namoonni 2 Magaalaa Dirree Dhawaa irraa yoo tahan, namoonni 22 ammoo jiraattota naannoo Oromiyaa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 1,063 kan gahe yoo ta’u, namoonni 208 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, namoonni 5 dhukkubbii cimaa kessa kan jiran tahuu beeksise.

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button