header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Fayyaa Sababa Dhibee Vayirasii Koroonaatiin namni 3ffaa du’uu beeksise

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa galgala har’aa baaseen, dubartiin umrii 65 jiraattuu magaalaa Dukam taate, tan April 6, 2020 Vayirasii Koroonaatiin qabamuun isii ibsamee ture, guyyaa hardhaa du’uu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 3 gahuu ibsame.

Gama biraatiin ammoo Ministeerri Fayyaa ibsa hara waaree booda baaseen, sa’aatii 24 dabre keessatti qorannoo laabraatoorii namoota 442 irratti geggeesseen, namoonni 9 vayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe tahuu beeksise. Namoota saglan jidduu torba lammiilee Ityoophiyaa, tokko lammii Indiyaa, tokko ammoo lammii Eertiraa tahuu gabaafame.

Namoota kanneen jidduu 5 Dubaay irraa kan dhufan yoo tahu, namni lama Turkiyaa irra, tokko Ameerikaa irraa, tokko ammoo Briteen irraa gara Ityoophiyaa kan dhufan tahuu ibsame. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiii Koroonaatiin qabamuun mirkanaahe 65 gahee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button