header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ministeerri Fayyaa UAE lammilee Itoophiyaa lama irratti dhibeen Vayirasii Koroonaa argamu ibse

Ministeerichi guyyaa kaleessaa namoota qorannoon godhameefii dhibeen kun irratti argame 13 jidduu, isaan lama lammilee Itoophiyaa biyya biraa irraa garasitti imalan tahuu fi isaan hundi namoota biyya biraa irraa UAE seenaan tahuu ibse.

Lammilee Ityoophiyaa lamaan dabalatee namoonni 13’n biyya biraa irraa kan UAE seenaan jechuu alatti, biyya kamiin irraa akka UAE seenaan wanti ibsame hin jiru.

Itti aantuun ministeera Fayyaa Ityoophiyaa Dr Liyaa Taaddase, mootummaan Itoophiyaa qondaaltota mootummaa UAE waliin tahuun, dhimmicha kan hordofaa tahuu ibsite.

Itti dabaluunis Dr Liyaan “Lammileen Itoophiyaa kunniin eessa irraa gara UAE tti akka imalan qoratamaa jira”jechuun fula twitaara isii irratti barreessite.

 

UAE tti walumaagalatti namoonni dhibee kanaan qabaman 45 tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

8 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button