header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Fayyaa Vaayirasiin iboolaa gara Ityoophiyaa akka hin seenne too’anna cimsuu beeksise

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n torbee dabre dhibeen iboolaa akka haarayaatti Koongoo-DRC keessatti ka’e, sadarkaa sodaa hawaasa addunyaa irra gahuu labsee ture. Kanuma hordofuun biyyoonni Afrikaa heddu Vaayrasiin iboolaa gara biyya isaanii akka hin seennee sochii too’annoo cimsaa jiran.

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Dr. Amir Amaan dhimmicha irratti ibsa kennee, Vaayirasiin iboolaa gara Ityoophiyaatti akka hin seenne ittisuuf sochiin jalqabamuu beeksise. Haaluma kanaan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa, Kellaawwan Seensaa fi Bahiinsaa biyyattii hunda irratti ogeeyyonni ramadamanii sakkatta’iinsi eegalamuu hime.

Dr.Amiir akka jedhetti, bara 2014 yeroo weerarri dhibee iboolaa biyyoota lixa Afrikaa keessatti ka’ee ture, Ityoophiyaan ogeeyyota 200 erguun namoota vaayirasichaan qabaman adda baasuu fi tamsa’ina dhibee kanaa too’achuu irratti muuxannoo cimaa horattee jirti.

Dhibeen iboolaa bara 2014 biyyoota lixa Afrikaa keessatti ka’e ture,  lubbuu nama kuma 11 ol galaafatuun ni yaadatama. Haaluma wal fakkaatuun dhibee iboolaa bara kana Koongoo keessatti ka’een lammiileen biyyattii 1600 ol kan du’an tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button